Daa'imman xuuxxoo hoosisuu waliin walqabatee rakkoolee hedduutu jira. Isaan keessaa muraasni kunooti:
1. "Carraa infeekshiniif saaxilamuu guddaadha":- Xuuxxoon sirnaan yoo hin qulqulloofne guddina baakteeriyaaf haala mijataa uumuun daa’imman infeekshiniif saaxila .
2. "Humnaa ol nyaachisuu":- innis garmalee hodhuun fi ulfaatina qaamaa dabaluu danda’an saaxiluu danda’a.
3. "Rakkoo bullaa'insa nyaataa":- Daa'imman harma haadhaa qofa hodhan waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu qilleensi mar'immaan keessaa, goginsa garaa, fi garaa ciniinnaa baay'ee isaan mudachuu danda'a. Kunis garaagarummaa qabiyyee aannan harmaa fi aannan xaasaa(Formula) irraa kan ka’e ta’uu danda’a.
4. "Rakkoo alarjii fi aannan sana dandamachuu dadhabuu dabaluu":- Qorannoon tokko tokko akka jedhanitti daa’imman xuuxxoon hodhan daa’imman harma hodhan waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu carraan alarjii fi aannan dandamachuu dadhabuu isaanii guddaa ta’uu danda’a.
5. "Carraa furdina garmalee dabaluu":- Xuuxxoon hoosisuun carraa furdina garmalee daa'immanii ol'aanaa ta'een walqabata. Kunis sababoota akka garmalee nyaachisuu, garaagarummaa qabiyyee soorataa, fi hanqina wantoota ittisaa aannan harmaa keessatti argaman irraa kan ka’e ta’uu danda’a.
6. "Hariiroon haadhaa fi daa'imaa hir’achuu":- Xuuxxoon hoosisuun harma hoosisuu wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu sadarkaa walitti hidhamiinsaa, miiraa kunuunsuu haadhaa fi daa’ima gidduu jiru hir'isa.
7. "Carraa ilkaan daa'imaa caccabuu dabaluu":- Yeroo dheeraaf xuuxxoon hoosisuun, keessumaa dhangala’oo sukkaara qabu kan akka cuunfaalee adda addaa, daa’imman irratti carraa caccabinsa ilkaanii dabaluu danda’a.
Rakkoowwan kun daa'imman xuuxxoo hodhan akka hin mudanneef, qulqullina xuuxxoo sirrii, tooftaa hoosisuu sirrii ta'e, fi aannan xaasaa sirrii fayyadamuun salphachuu akka danda'an hubachuun barbaachisaadha. Yeroo hunda gorsaa fi qajeelfama dhuunfaa argachuuf ogeessa eegumsa fayyaa mariisisuun ni gorfama.
1 September 2025
🌟 Foroforii(Dandruff) Waliin Qabsaa'aa Jirtuu? 🌟
👉Foroforiin rakkoo nama baay’ee hubaa jiruu fi seeloota gogaa mataa quncaasuun wanta adii akka dhukkeetti kan jijjiru akkasumas miira nama hooksisuu kan fiduudha.
👉Foroforiin midhaa kan hin qabne yoo ta’u mallattoo qulqullina dhabuutis miti!
🔹 Foroforii Maaltuu Fida?
• Faangasii Malassezia 🦠: Faangasii uumamaa gogaa mataa keessan irratti argamu kan zayita sooratu, yeroo tokko tokko akka seelonni gogaa ciccitu kan kakaasu.
• Gogaan mataa keetii oomishaalee rifeensa tokko tokko ykn wantoota naannoo tokko tokkoof deebii kennuun dhufuu danda’a.
• Gogaa mataa uumamaan zayita baay'atuu(oily scalp)💧: Faangasiif iddo mijataa uumaaf.
• Jiinii(Genetics) fi waqtii🌬️: Namoonni tokko tokko caalaatti kan saaxilaman yoo ta'u, yeroo qorraatti dandruff hammachuu danda'a.
🔹 Mallattoolee
• Wanta adii akka dhukkee rifeensa ykn uffata irratti mullatu
• Miira rifeensa si hooksisuu 😣
🔹 Dhugaawwan Barbaachisoo
• Daddarbaa miti 🚫: Eenyurraayyuu sitti kan darbuu miti
• Qulqullina gaarii dhabuu irraa kan ka'e miti 🧴: Yeroo hunda dhiqachuun ni fooyyessa, garuu guutummaatti hin dhorku.
🔹 Yaala Foroforii
• Shaampoo farra foroforii 🧴: shaampoo akka 'pyrithione zinc', 'selenium sulfide', ykn 'ketoconazole'
• Yeroo hunda qulqullina rifeensa mataa eeguu 🚿
• Oomishaalee rifeensa mataa rifeensa keetii wal hin simannee irraa fagaachuu
• Ogeessa mariisisaa 👩 ⚕️: Yoo foroforiin itti fufe ykn hammaate ogeessa waliin mariyadhaa
Galatoomaa
5 September 2025
Фотография
click to show
click to show
❤️👈🏼Yoo dadhabde ykn dadhabe.. Vitamin B12
❤️👈🏼Ittisa qaamaa dadhabaa.. Vitamin C
❤️👈🏼Rifeensi namaa balleessuu.. Biotin
✅👈🏼Gogaa goggogaa.. Vitamin E
✅👈🏼Irra deddeebiin qorra.. Vitamin D
✅👈🏼Maashaalee dhidhiita'uu.. Maagniziyeemii
🌹👈🏼Mul'ata gaarii dhabuu, keessumattuu halkan.. Vitamin A
🌹👈🏼Qufaa.. Maagniziyeemii fi faayibara
🌹👈🏼Qaama fixee irratti ciniinsuu.. Vitamin B12
😍👈🏼Madaa afaanii.. Vitamin B12, B3, fi B2
😍👈🏼Rakkoo hormoonii dubartootaa.. Vitamin B6 fi Vitamin E
😍👈🏼Lafeen dadhabaa.. Kaalsiyeemii, Vitamin K2, fi Vitamin D
🛑👈🏼Yaadannoo dadhabaa ykn burjaajii.. Omega 3 with B complex
🛑👈🏼Gogaan diimaa ykn garaa kaasaa.. Vitamin B12 waliin ayirenii
🛑👈🏼Dhukkubbii lafee.. Vitamin D K2 waliin
🤩👈🏼Miirri ni jijjiirama.. Vitamin B6 Magnesium waliin
🤩👈🏼Slow wound healing.. Vitamin C with Zinc... "Maxxansa keenya callistee scroll gootus waan maxxansinu argite jennee boonuun nuuf gahaadha
Galatoomaa
Fayyaan keessan Fayyaa keenya
8 September 2025
Yaala Kintaarotii/Buroo (Hemorrhoids) — Furmaata Dhukkuba Nama Hedduu Miidhuu.
Kintaarotiin dhukkuba yeroo hedduu dhiiga, hooqaa, fi gubaa fidu. Namni hedduun dhukkuba kana ni qaba, garuu dhukkuba kana qabaatuu beekuu dhabu mala. Kanaaf hanaga inni sadarkaa wal xaxaa irra gahutti ofirra tursiisa. Mee yaala isaa bal’inaan haa ilaallu: Yaala/wal'aansa kintaarotii/buroo bakka afuritti baafnee laaluu dandeenya. Yaala Salphaa, Qorichootafii Yaala Cimaa jennee bakka saditti qoonna. Mee tokko tokkoon haa laalluu:
---
1️⃣ Yaala Salphaa (Home Remedies)
✅ Soorata Sirreessuu
- Soorata fiber qabu baay’isuun bobbaa salphisuuf gargaara. Fakkeenyaaf: kuduraa, muduraa, garbuu, baaqilaa, shumburaafii kkf.
- Soorata saamsaman fi mi’aawaa (processed foods) hir’isuun barbaachisaa dha.
✅ Bishaan Baay’ee Dhuguu
- Bishaan gahaa ta’e qaama keessa yoo jiraate, bobbaan ni salphata. Kun dhiibbaa yeroo bobbaa ittinuun fidu ni hir’isa.
✅ Bobbaa Tursiisuu Dhiisuu
- Yeroo bobbaan nu qabde tursiisuu fi ittanuu irra of qusachuun kintaarotiin akkan hammaanne godha.
✅ Sitz Bath (Bishaan Ho’aa Keessatti Taa'uu)
- Bishaan ho’aa keessa daqiiqaa 15–20 yoo teesse hooqaa fi gubaa ni hir’isa. Guyyaa 2–3tti yeroo lama gochuun garidha.
✅ Sochii Qaamaa (Exercise)
- Sochii salphaa akka deemu yoo goone dhiibbaa qaamaa hir’isa.
---
2️⃣ Qorichoota (Medications)
💊 Cream fi Suppository
- Creamota akka hydrocortisone, lidocaine, fi witch hazel fayyadamuun hooqaa fi gubaa hir’isa.
- Suppository (qoricha gara qaama bobbaatti seenu) yeroo hedduu dhukkubbii keessaa ni balleessa.
💊 Painkillers
- Qorichoota dhukkubbii hir’isan akka ibuprofen fi paracetamol fayyadamuun ni danda’ama.
💊 Qorichoota Constipation To’atan
- Laxatives ykn stool softeners yoo bobbaan nurraa bahuun ni ulfaata ta’e fayyadamuun bobbaan salphatti akka nurraa bahuuf nu gargaara.
---
3️⃣ Yaala Cimaa (Advanced Treatment)
🩺 Rubber Band Ligation
- Naannoo hundee kintaarotii keessaa laastikii xiqqoo kaa'un dhiiyni akka ga
12 September 2025
OL-GUURAA YKN OL-DEDDEEBISUU YEROO ULFAA
Ol-guurraan yeroo ulfaa beekkamaadha. kunis yeroo hedduu kan inni mul'atu hanga torbaan 16 (ji'a 4)ti.
Haa ta'uu malee harki caalaan isaa dhibeen isaa gad aanaa waan ta'eef of eeggannoo malee yaala hin barbaachisu. Dhibeen kun yoo hammaate garuu daa'imaa irraatti osoo hin taanee haadharratti dhibee fiduu ni danda'a.
Dhibeen kun yoo hammaatu,haadha huqqisuu,hanqina nyaata fiduu,kalee miidhuu,dhibee sammuu fiduu,bishaan fi elektrolyiti qaama keessaa jiru hir'isuu fi kkf fiduu ni danda'a.
Kanaafu ol-gurraan kun sia 6 fi isaa ol yoo ta'e, ulfaatinni isaani 5%n yoo hir'ate hatattamaan gara mana yaalaa deemuu qabdu
DHIBEE KANA ITTISUUF;
1.nyaata xixiqqeessanii ammaa amma garaagarummaa sa'aatii lamaan soorachuu.
2.nyaata coomaaf dhadhaa of keessaa qabu hir'isuu.
3.soorata kan protinaa fi vitaaminin guutuu ta'an kan akka kuduraa fi muduraa fayyadamuu.
4.zinjibila gogaa isaa ykn nyaata kessatti fayyadamuu.
5.nyaata fi dhugaati hoo'aa fayyadamuu dhiisuu
6.nyaata gogaa ta'an kan akka akaayii fayyadamuu.
7.nyaataan dura bishaan dhuguu.
8. nyaata booda boqonnaa fudhachuu
9.foolii nyaataa,haaraa fi hoo'aa hir'isuu fi kkf dha.
Yoo isaanitti hammaate garuu mana yaalaa deemuu qabu.
Hub: Dhibeen kun heedduminaan kan inni mul'achuu jalqaba ulfa ji'a tokkoo fi walakkaa hanga ji'a 3tti ta'ee , ji'a 3 boodaa hir'achaa ykn badaa deema.
Galatoomaa
Fayyaan keessan Fayyaa keenya.
13 September 2025
Фотография
click to show
click to show
DHIIBBAA DHIIGAATIIF NAMOOTNI SAAXILAMAN EENYU FA'A?
1.Nama umrii(ganna) 30 olii. Keessumattuu namoota umriin isaanii 45 olii.
2.Namoota maatii ykn firri isaanii dhiibbaa dhiigaa qaban.
Keessumattuu fira dhiyoo yoo ta'e(abbaa, haadha fi obboleessa)
3. Namoota dhibee kalee fi/ykn dhibee sukkaaraa qaban.
4. Namoota nyaata ashaboo(soogiddi) itti baayyate yeroo baay'ee sooratan.
5. Namoota tamboo xuuxanii fi dhugaatii alkoolii
dhugan
6.Namoota gar-malee furdatan fi sochii qaamaa(ispoortii) warra hin goone.Cooma kuufamaa(borcii) warri qaban irra caalatti saaxilamoodha.
7.Namoota yeroo baay'ee sammuudhaan dhiphatan.
8. Namoota nyaata cooma qabu baay'isan fi kan nyaata kuduraa fi muduraa qabu ammoo gahaatti hin arganne ykn hin sooranne.
Hub:- odeeffannoo tana fayyadamuun dhibee kana irraa hanga danda'ametti of-eegaa. warri saaxilama qabdan ammoo yeroo yerootti mana yaalaa deemuun haala dhiibbaan dhiigaa keessan itti jiru ilaalachuu 'Blood pressure check up' gochuu akka qabdan isin gorsa.
Galatoomaa
15 September 2025
DAA'IMNI KEE DALGA CIISEERA OPERATIONA TA'UU QABDA NAAN JEDHAN
===================
Haalli taa'umsa daa'imaa yeroo ulfaa hanga ji'a 8tti murtaa'aa miti.
Kana jechuun teessumni daa'imaa ji'a 8 tii gadii guyyaa guyyaan jijjiirama.
Haa ta'u malee akkuma guyyaan dahumsaa dhiyaachaa deemuun taa'umsi daa'imaa murtaa'aa fi carraan jijjiramuu isaa xiqqaachaa deema.
Haalli taa'umsa daa'imaa yeroo kana akka armaan gadii ta'a.
• 95% Mataan gara balbala gadameessatti garagaluu.
Yeroo kana haadholiin ciniinfatanii dahuu danda'u.
• 3% kan ta'u taa'umsi tafaan gara balbala gadameessatti garagalu.
KARAAN/MALLI DAHUMSAA ULAAGALEE ADDA ADDAA IRRATTI HUNDA'A.
• Persentaan baayyee xiqqoo ta'an wayita daa'imni dalga ciisuudha. Kun wayita hordoffii yoo mul'ate ogeessa fayyaan hanga tokko jijjiramuu ni danda'a.
Wayita ciniinsuu yoo argame malli da'umsaa opereeshiniidha.
Kanaaf taa'umsi daa'imaa gadameessaa keessa jirtuu yoo sirrii ta'uu baate haadharrattis ta'ee daa'ima irratti rakkoo hamaa fiduu waan danda'uuf hordoffii wayita ulfaa haalaan fudhachuun barbaachisaadha.
Ogeessonni fayyaa kan buufata fayyaa irraa hojjattanis haala taa'umsa daa'imaatti xiyyeffannoo kennitanii gara hospital ergitan akka kennitaa Kan jedhu dhaamsa keenya
Galatoomaa
Fayyaan keessan Fayyaa keenya.
18 September 2025
Of_eeggannoo fi Gorsa Dahumsa Boodaa!
1. Hamma danda'ametti dahumsa Booda hanga sa'aatii 24tti mana yaalaatii bahuuf jarjaruu dhiisuu.
2. Dahumsaan booda qorichoota barbaachisu fudhachuu yoo barbaadan osoo mana yaalaatii hin bahin mari'achuu fi fudhachuu. Faayidaas qaba.
3. Dhigni kara qaama saalaa kan hammi isaa xiqqaachaa deemu , kan foolii hin qabnee fi kan bifa isaa jijjirataa deemu hanga torbaan lamatti ni mul'ata.
4. Harmi yoo iita'ee dhukkube:-ol qabachuu ,bishaan dilallaa irra kaa'uu ykn antipain kan akka ibuprofeenii fudhachuu.
Garuu of keessaa elmuun dhorkaadha.
5. Qulqullina naannoo qaama saalaa isaanii eggachuu fi bishaan ashaboon danfisanii keessa taa'uu.
6. Talaallii daa'imman isaaniif haalaan beellama isaanii eeggatanii talaallifachuu.
7. Walquunnamtiin saalaa torban 4-6 booda raawwatamuu ni danda'a. Isaan 2n yoo itti amanan Sababiin isaas hanga torbaan jedhame kana gidduutti qaamoonni walhormataa bakka duraa isaatti waan deebi'uu, dhangala'aan waan hir'atuu fi dhukkubbiin hir'achaa waan deemuuf dha.
8. Erga gara manaatti deebi'anii booda yoo dhiigni garmalee itti baay'atee fi foolii yoo qabaate,qaama gubaa,mataa dhukkubbii garmalee,garaa dhukkubii gara gadii fi kkf yoo mul'ate hatattamaan gara mana yaalatti deebi'uu.
9. Hanga madaan naannoo qaama saalaa isaani fayyuutti nyaata garaa keessa hin turre fayyadamuu.
10 . Daa'ima osoo wal irraa hin kutiini fi osoo waan biraa itti hin dabaliin ji'a 6f harma qofa hoosisuu.
11. Hordoffi gaafa guyyaa 2_3 ,torbaan tokkoo fi torbaan 6 da'umsaa booda fudhachuu.
12. Sochii qaamaa kan qaama walhormaataa dabalatu gochuu.
https://www.facebook.com/abdushakur.adem
Galatoomaa
Fayyaan keessan Fayyaa keenya.
19 September 2025
DHUKKUBBII DUGDAA (Backpain)
Dhukkubbii dugdaa namoota hedduutu qaba. Keessumaa yoo umuriin dabalaa deemu, carraan dhukkubbii dugdaa qabaachuu illee akkanuma dabalaa deema. Mee haala ykn mala kama fayyadamnee of gargaaruu dandeenyaa?
1. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuu dhiisuu. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuun dhukkubbii dugdaa namatti caalsisa waan taheef yoo dandahame sa'aa sadii ol siree irra ciisuu dhiisuu qabna.
2. Hojii sasalphaa hojjachuu itti fufuu qabna. Hojii sasalphaa dalaguun dhukkubbii dugdaaf gaaridha. Hojii ulfaataa fi hojii dhukkubbii sana nutti kaasu (salphaas tahu) irraa fagaachuu qabna.
3. Hojii keenya guyyaa guyyaa gaafa hojjannu akkaataa dhaabbii qaama keenyaa (posture) sirreeffachuu qabna. Posture jajallataa tahe irra dhaabatanii hojii hojjachuun gaaftokkotti dhukkuba nama qabsiisuu baatus yeroo dheeraa keessa dhukkubbii nutti fida.
4. Waan dilallaa'aa ta'e yokaan ho'aa tahe bakka dhukkubu sanarra kaa'uun dhukkubbiin akka itti dhaggeeffatu dhaggeeffatu taasisa. Lameen keessaa kan sirriitti nutti fooyyesse fayyadamna.
5. Yoo rafnu yoo dugdaan ciisne tahe boraatii jilba keenya jala; yoo cinaachaan ciifne tahe ammoo boraatii jilba keenya lamaan gidduu kaa'achuun nutti fooyyessa. Garaadhaan ciisuun ammoo dhiibbaa qaamaa dugdarra kaahuudhaan dhukkubbii nutti cimsa.
6. Yoo tamboo kan xuuxnu tahe addaan kutuu qabna.
7. Kana hunda cinaatti ogeessa fayaa bira deemanii ka'umsaa isaa baranii gagaarsaargachuun gaariidha
Galatoomaa
Fayyaan keessan Fayyaa keenya
22 September 2025
Фотография
click to show
click to show
ERGA ''IRAATA'' NYAANNEE RAFUUN DURA
***********
1. Akkuma nyaata nyaanneen rafuu dhabuu:- yoo kan rafnu ta'e nyaanni dafee akka hin daakkamne waan godhuuf gubaa laphee( singiggoo) fi bokoka nutti fida.
2.uffata sin qabne uffadhu:- uffata nu qabu yoo uffanne dhiibbaa garaa irraan waan gahuuf garaachi keenya bilisummaan nyaata hin daaku
3. Shaawarii fudhachuu dhabuu:- daqiiqaa 30 eeguun gaaridha
4. Ilkaan rigadhu:- ilkaan ofii erga nyaata nyaatanii booda rigachuun fayyaa afaaniitiif baayyee gaariidha.
nyaanneen osoon daqiiqaa 30 eegnee riganne gaariidha
5. Deemsa xiqqoo/walk bahuu:- manumarraa osoo hin fagaanne deemsa xiqqoo deemuun bullaa'insa nyaataa saffiisisa
6. Sochii qaamaa ulfaataa irraa fagaachuu
7. Sigaaraa aarsuuu irraa fagaachuu
Galatoomaa
fayyaan keessan fayyaa keenya
.https://www.facebook.com/abdushakur.adem
9 October 2025
Фотография
click to show
click to show
1️⃣ Ati nagayaan fincaanta 🚽. Namoota hedduu tuubboo fincaanii malee fincaanuu hin dandeenyetu jira.
2️⃣ Ati nagayaan raftee kaata 😴. Namoota qoricha hirriibaa malee rafuu hin dandeenyetu jira.
3️⃣ Ati nagayaan sagaraa baata 💩. Namoota qoricha malee sagaraan irraa hin baanetu jira.
4️⃣ Ati qoricha tokkollee osoo hin fudhanne guyyaa guutuu jireenya nagayaa jiraatta 🌿. Namoota qoricha guyyaa tokko yoo dhiisan lubbuu isaanii gaaga'amu baayyetu jira ⚠️.
5️⃣ Ati miila keetiin deemtee hojii hojjatta 🚶♂️. Namoota namni biraa fuudhee ol galchutu jira ♿.
Tollii Rabbiin nurratti oole lakkaawamee hin dhumu 🤲
Alhamdulillaah!
13 October 2025
🤰✨ Waan Ajaa'ibaa!
Daa’imni Osoo Garaa Hadhaa keessa Jiru Sagalee Dhagahuu Akka Jalqabu Beektuu⁉️👶🫢
👂 Yeroo ulfaa ji’a 4 irraa eegalee, daa’imni keessan sagalee dhagahuu jalqaba — sagalee keessanii fi sagaleewwan naannoo keessan jiran hundumaa dhagahuu danda'a.
🧠 Kun guddina sammuu isaanii irratti shoora olaanaa qaba — keessumaattuu kutaa sammuu afaanii fi qunnamtii waliin walqabatu akka dagaaguuf gargaara.
🕊 Barbaachisummaa Yeroo Ulfaa Daa'ima Gadaamessa keessa jiru Waliin Haasa'uu 🗣:
• Yeroo baay’ee daa’ima keessan itti haasa’uun sagalee keessan akka baratu godhaa 🫱
• Kunis yeroo dhalate (gara naannoo hin beeknee waan dhufuuf) nageenyaa fi tasgabbii akka argatu taasisa 🍼
• Daa'imaa fi isin gidduutti miira walitti dhufeenyaa fi hariiroo gaari uuma❤️
👨👩👧 Daa’imni keessan garaa keessan keessa jiraatus isin dhagaha waan ta'eef yeroo ulfaa daa’ima keessan waliin hasawaa 🗣️Qur'aana qaraasisaa
👉 Share gochuun haadha ulfaa biraan gahaa 💌
Galatoomaa
Fayyaan keessan Fayyaa keenya
8 February 2026
18 February 2026
YEROO SUHUURII:
***
* Bishan gahaa dhugaa.
Keessattu namoonni naannoo gammoojjii fi hoo'aa jirtan—ifxaarii fi suhur jidduu bishaan sirritti dhugaa.
Yoo xiqqaate bishaan hanga litirii 2
* Akkasumas, kuduraalee fi fuduraalee bishaan nuuf kennuu danda'an kan akka habaabaa (bixxiqqii), salaaxaa fi timaatimii fayyadama.
* Dhugaatiiwwan kaaffinii qaban—kan akka bunaa, shaayii fi dhugaati akka CocaColla (kookaa) fa'a— dhuguun fincaan namatti heddummeessuun dhangala’aa qaama keessa jiru xiqqeessuun miira dheebuu namatti jabeessa. Kanaaf, dhugaatii kanniin keessatuu yeroo suhuurii otoo dhiistanii filatamaadha.
* Wolumaagalatti nyaanni yeroo suhuurii nyaannu Kuduraalee (vegetables), kallee (buuphaa), qurxummii, foon lukkuu, aanaan, akkasumas daabboo garbuu, ajjaa fi biddeena keessaa yoo ta’e filatamaadha.
* Nyaata garmaalee mi’a’an fayyadamuu dhiisaa.
* Nyaata dibatni (zayitiin, dhadhaan, coomni) itti baay’ate hirdhishaa. Kun guyyaa irratti singiggoo isinitti hammeessuu danda’a.
* Nyaata sooqiddi itti baay'ate nyaachuu dhiisaa. Sooqidda nyaata keessatti garmalee xiqqeessinee fayyadamuu. Iddoo sooqiddaa, mi'eessituu garagaraas fayyadamuu dandeenya.
* Nyaata xiqqeessinee, suuta suutaan nyaachuu. Yeroo tokkoon baay'isnee nyaachuun gubaa laphee fi singiggoon akka nu madatu gochuu danda'a.
* Sorataalee kaarboohaydireetii gaarii hintaanee—kanneen akka paastaa, ruuza adii, mokoroonii, soodaa (lallafaa), keekii, shaayii sukkaaraa, kuukisii, fi daabboo qamadii daakuu furnoo irraa hojjataman—erga nyaatamanii booda yeroo sa’aa muraasa keessatti daakkamuun gara gulukoosiitti jijjiiramuun hammi sukkaara qaamaa akka dafee olkaa’uu fi san booda dafee bu’u godhuun miira dadhabbii, humna dhabuu fi beelaa namatti cimsu. Kanaaf, isaan caalaa nyaatota biroo filadhaa fkn dabboo garbuu, buddeena, misira, baaqeela, mixaaxisha, atara, ruuza adii hintaane (brown rice) fa’a irraa waan hojjataman filadhaa.
—-
Ramadaana Milkii
2 March 2026
🌴✨ Faayidaa Temiraa (Dates) – Akka Saayinsiitti ✨🌴
Temirri nyaata humna-qabeessa fi fayyaa keenyaaf baay’ee barbaachisaa dha 🍽️💪 Saayinsiin ammayyaa faayidaa isaa hedduu mirkaneesseera 🔬✅
1️⃣ ⚡ Madda Anniisaa Saffisaa
Temirri sukkaara uumamaa (glucose & fructose) qaba 🍯
➡️ Namoota dadhaban ni jabeessa 💪
➡️ Yeroo soomaa hiikuuf baay’ee gaarii dha 🕌🌙
2️⃣ ❤️ Fayyaa Onnee
Temirri potassium baay’ee qaba 🧂
➡️ Dhiibbaa dhiigaa to’achuuf gargaara 🩺
➡️ Balaa dhibee onnee hir’isa ❤️
3️⃣ 🫃 Sirna Bulaa Fooyyeessa
Temirri fiber qaba 🌾
➡️ Qabiyyee fincaani (constipation) hir’isa 🚽
➡️ Sochii mar’imaanii ni fooyyeessa 👍
4️⃣ 🛡️ Ittisa Dhibee (Antioxidant)
Temirri antioxidant qaba 🍇
➡️ Seelota qaamaa miidhaa irraa eega 🧬
➡️ Dhibee kaanserii hir’isuuf gargaara 🎗️
5️⃣ 🦴 Fayyaa Lafee
Calcium, magnesium fi phosphorus qaba 🧪
➡️ Lafee jabeessa 💪
➡️ Caccabaa lafee (osteoporosis) hir’isa 👵👴
6️⃣ 🤰 Fayyaa Haadha Ulfa
➡️ Ji’a dhumaa ulfaa keessatti da’umsa salphisuuf gargaara 👶
➡️ Ciniinsuu saffisiisa ⏳
7️⃣ 🧠 Fayyaa Sammuu
Vitamin B6 qaba
➡️ Hojii sammuu ni deeggarra 📚
➡️ Dhiphina sammuu xiqqeessa 😌
⚠️ Hubachiisa
Temirri faayidaa guddaa qaba ta’us:
🍬 Sukkara baay’ee qaba
🩺 Namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban of eeggannoo godhuu qabu
18 July 2026
Фотография
click to show
click to show
👉 MADAA’UU ARRABAA sababa faangasiin “Candida” jedhamu afaan keessatti baay’achuun dhukkuba uumamuudha.
👉 Afaan keenya keessatti faangasiin kun yeroo hunda ni jira, garuu yoo sirni ittisa qaamaa keenya laafaa ta’e — yeroo san dhukkuba kanaaf saaxilamna!
🌿 SABABOOTA ISAA
💊 Qorichoota yeroo dheeraaf fudhataman (steroids, antibiotics)
🧬 Dhukkuboota ittisaa qaamaa gadi buusan (fkn. sukkaaraa, HIV/AIDS, kaansarii)
👶 Daa’imman fi jaarsolee irratti heddummaata
👄 Goguu afaanii, ilkaan artefishaalii qabaachu
⚠️ MALLATTOOLEE
▪️Wanta adii akka itittuu afaan keessa jiraachuu
▪️Diimachuu fi ququunca'uu
▪️Yeroo nyaannu dhukkubiin nutti dhagahamuu
▪️Dhandhamni nyaataa nutti dhagayamuu dhabuu
▪️Yeroo rignu arrabni dhiiguu
👩🍼 Daa’imman irraa gara harma haadha hoosiftutti dabru mala
💧 TO’ANNOO FI YAALA:
▫️Bishaan hoo’aa + sooqidda xiqqoo itti dabalanii afaaniin lulluqachuu guyyaaf 2–3 (hin liqimsin!)
▫️Ilkaan qulqulleessuu, nyaata booda afaan dhiqachuu
▫️Yoo deddeebi’e → mana yaalaa deemuun qorannoo fi qoricha fudhachuu