Link
click to show
click to show
🗣️ KITAABA "SIIF GALEERAA?"
✍️ Gargaaraa Piroofeesaraa Miratuu Shaanqoo Giddii
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Waan kitaaba kana keessaa sammuu koo booji'ee fi onnee koo tuqe keessaa muraasa yeroon isiniif qoodu...
Namichi Toom Joon jedhamu kadhannaa humna qabu akkas jedhee dhiyeesse:
👉 👇👇👇👇👇👇👇
"Yaa Waaqayyo, dhimmoota lama akkan sirriitti hubadhuuf hubannaa fi humna naaf kenni:
💭 1ffaa:
Jireenya koo keessatti wantan jijjiiruu hin dandeenye obsaan akka fudhadhuuf OBSA naaf kenni!
💭 2ffaa:
Wantan jireenya koo keessatti jijjiiruu danda'u immoo akkan jijjiiruu danda'uuf ONNEE naaf kenni!"
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
🔥 YAADOOTA HUMNA QABAN KANNEEN HUBADHU:
💎 Lafan yaade hin geenye yoon ta'ellee, lafan yaade ga'uuf matumaa hin teenye!
💎 Jecha "Hin danda'amu" jedhutti gonkumaa hin amanin—Never believe in never!
💎 Barrisuu kan dandeessu, hanga barrisuu dandeessu yoo of amansiiste qofaadha!
💎 Ilaalchi kee garaagarummaa milkaa'inaa fi kufaatii gidduu jiru murteessa (Your attitude makes the difference)!
💎 Ati of daangessitee teessa taanaan, eenyutu daangaa si ceesisa? Of baruuf murtoo hin qabdu taanaan, yoo of bartees murtoo hin murteessitu.
💎 Of beekuun ogummaa beekumsa hundumaa caaluu dha. Barachuun beekuu hin mul'isu; beekuun garuu barachuu ni dhugoomsa.
💎 Hirkattummaan diina of baruuti. Osoo of hin beekin du'uun osoo hin dhalatin du'uu wajjin tokkuma!
💎 Qabeenyi guddaan addunyaa kanaa dhala namaati! Namni lakkoofsa guutuuf dhalate tokkollee hin jiru—nama guutuu ta'ee dhalate malee!
💎 Dammaqi! Wanta haaraa siin dalagamutu jira. Wanti haaraan siin dalagamu immoo gatii si kaffalchiisa!
💎 Addunyaa keessa jirramoo addunyaatu nu keessa jira? Yoo qophaa'aa taate, boru qabeenya ati qooddachuuf eeggattuu dha!
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
🧠 SAMMUUN KEE AKKAS HAASAWAA:
▪️ Namni bu'aa yaada isaati; namni waanuma nyaatee fi yaade fakkaata!
▪️ Ilaalchi ati ofiif qabdu, humna ati mul'ata kee dhugoomsuuf qabdu calaqqisiisa.
▪️ Namoonni ofittoon summii mul'ataa malee, sammuu mul'ataa hin qaban.
▪️ Carraan har'a harkaa qabdu kan guddinaati malee kan badiisaa miti.
▪️ Meeshaa ammayyaa caalaa, dura sammuu mo'atummaa qabaadhuutii gara dirree waraanaa seeni!
📖 Dubbisa gaarii fi yeroo bu'aa qabeessa isiniif haa ta'u! 🙏
JOIN Channel Telegram 👇👇👇
https://t.me/RetrainYourBrain
https://t.me/DigitalKnowledgeLibrary
https://t.me/Committedtoyourdreams
47 ·