English
Open in Telegram

Post Jalqaba Ati Maraadhu!

15 October 2026
M
Milkina (BRIGADE BUSINESS)
Link
click to show
Jalqaba Ati Maraadhu! Hogganaa (Manager) artistichaati. Waltajjii irratti akkamiin qalbii daawwattootaa akka hatu gaafa gorsu akkas jedheeni, "Yeroo waltajjiitti baatu duursii daqiiqaa shaniif maraadhu. Yeroo sana namni hundi rifatee si ilaaluun, 'kun xuuxee ykn qama'eetu dhufe. Maali maraataan kun?' jedhanii afaan qabatanii si ilaalu," jedheen. Artistichis qalbiin isa caqasuu itti fufe. "Daqiiqaa shan booda garuu haalli ni jijjiirama. Warri siin maraatuu jedhan hundi qalbii guutuun si ilaalu. Siif ajajamu. Waan ati jette hunda raawwatu. Dura si qofatu maraatee, amma garuu isaan hunduu maraataniiru. Mana sana keessaa si qofaatu fayyaadha. Rabbii isaanitii gaditti isaan hunda irratti kan aangoo qabu si tokkicha," jedhee gorse. Weellisaan sunis qajeelfama kana fudhatee waltajjii baheetti ni milkaa'e. GARA IJOO DUBBII KOOTTI GAAFAN DHUFU; Namni gaafa yaada haaraan hawwaasatti dhufu maraatuu ta'a. Amaluma namaa ta'ee, namni hedduun waan haaraa ni sodaata. Yaada haaraa, argannoo fi beekumsa addaa gaafa dhaga'u naasuun kirkiruun baramaadha.  Gaaf sana waltajjii sana irratti ati maraatuu taata. Yeroon booda muraasni si dhaga'u. Akkuma yaadni kee fudhatamaa deemuun, suutuma gaafa qalbii namootaa butaa deemtu ati fayyaa taata. Isaan immoo maraatuu kaleessa jedhan sana ta'u. Addunyaa kana irratti hayyoonni yaada haaraa, falaasonni, hundeessitoonni amantii, qorattoonnii fi bu'uuressitoonni biyyaa gaafa yaada hawwaasni hin beekneen dhufan jalqaba maraataa, dhuma irratti goota jedhamu. Akkanatti addunyaan beekumsa, wixinee fi ogummaa hedduutti madaqxe. Gaafa waan haaraa qabattee as baatu hin raafamin. Namni hedduun hin beeknu jechuun sirrii miti jechuu miti. Hedduun si mormuun yaadichatu kufaadha; jechuun dura isaanitu hin hubannes ta'uu mala. Eeyyee! Yaada haaraan gaafa waltajjii hawwaasaatti baatu, jalqaba ati maraataadha. Booda garuu isaanis yaada keen booji'amanii maraataa siin jedhan ta'uu mala. Warruma santu maqaa kee jijjiiree goota siin jedha. Seenaa himtuun kees isaan ta'uu mala. Kanaafuu jalqaba ati maraadhu. Booda gaafa isaanis akka kee maraatan, qalbiin isaan gaggeessi. JOIN GOCHUUN MAATII TA'AA!! 👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/Committedtoyourdreams https://t.me/Committedtoyourdreams https://t.me/DigitalKnowledgeLibrary https://t.me/RetrainYourBrain DEEMSI ITTI FUFA✍️™️
34 ·

Nearby in the feed

【【𝐑𝐚𝐟𝐢𝐢𝐪𝐮𝐥 𝐈𝐬𝐥𝐚𝐚𝐦 رفيق الإسلام】Chaanaalota Akkamii argachuu barbaadduu❓ Channaalii barbaaddan argachuuf see more kan jedhu tuqaa ilaalaa SEE MORE..... Free Waver: @Rafiqul_Islaam Ads: 👇👇👇 @Ra【【𝐑𝐚𝐟𝐢𝐢𝐪𝐮𝐥 𝐈𝐬𝐥𝐚𝐚𝐦 رفيق الإسلام】𝑪𝑯𝑨𝑵𝑵𝑬𝑳 𝑨𝑲𝑲𝑨𝑴𝑰𝑰 𝑩𝑨𝑹𝑩𝑨𝑨𝑫𝑫𝑼⁉️ 𝑾𝑯𝑨𝑻 𝑪𝑯𝑨𝑵𝑵𝑬𝑳 𝑫𝑶 𝑻𝑯𝑬𝒀 𝑾𝑨𝑵𝑻⁉️ Channel/Group 20K+ 𝐒𝐮𝐛𝐬𝐜𝐫𝐢𝐛𝐞𝐫𝐬 𝐅𝐫𝐞𝐞 𝐏𝐫𝐨𝐦𝐨𝐭𝐞𝒓: @Rafiqul_Islaam Adds:👇👇👇 My Channel @Rafiiqul_Islaam HP: @
this message
MMilkina (BRIGADE BUSINESS)PhotoMMilkina (BRIGADE BUSINESS)Muuxannoo Jireenyaa: Barnoota Humna Qabeessa Goondaa/Mixii Irraa Argamu! Yeroo baay'ee mixiilee lafa irra deeman ykn marga keessa socho’an qalbifannee hin ilaal
𝗗𝗗𝗜𝗚𝗜𝗧𝗔𝗟 𝗞𝗡𝗢𝗪𝗟𝗘𝗗𝗚𝗘𝗗𝗜𝗚𝗜𝗧𝗔𝗟 𝗞𝗡𝗢𝗪𝗟𝗘𝗗𝗚𝗘@DigitalKnowledgeLibrary · channel
291subscribers30average post reach
Venue feed Open in Telegram

An open public feed from the search index ChatCrawler — “Google for public Telegram”; refreshed as the venue is crawled. Times are UTC.

Public content only, official Telegram API. About · FAQ · Index limits · Remove a page · Catalog · Search · How we count