English
Open in Telegram

Post Muuxannoo Jireenyaa:

15 October 2026
M
Milkina (BRIGADE BUSINESS)
ReplyPhoto
Link
click to show
Muuxannoo Jireenyaa: Barnoota Humna Qabeessa Goondaa/Mixii Irraa Argamu! Yeroo baay'ee mixiilee lafa irra deeman ykn marga keessa socho’an qalbifannee hin ilaallu ta’a; garuu milkaa'ina dhala namaaf fakkeenya guguddaa ta'u qabu. Mee har'a muuxannoowwan jireenyaa jajjaboo uumama xixiqqaa kana irraa barachuu dandeenyu haa ilaallu: 1) Naamusa Hojii Fi Of-Ilaalcha (Work Ethic) Mixiileen yeroo hojiitti seenan, qaamni isaan ajaju ykn hordofu jiraatee miti. Roobni haa roobu, aduun haa gubdu, ykn haalli qilleensaa kamiyyuu haa jiraatu; mixiileen hojii isaanii irratti argamuu hin hanqatan. Isaan akka dhala namaa haala qilleensaatti qabatanii ykn "har'a hojjechuu dhiisnee boru hojjenna" jedhanii hin dacha’an. Milkaa'ina keetiifis sababii dhiheessun hin barbaachisu. 2) Tokkummaa Fi Hojii Garee Dhugaa (TEAMWORK) Hoomaa mixii gidduu wal-morkiin dhuunfaa hin jiru. "Atis hojjettu malee ani hin hojjedhu" ykn "ani isaan irra nan caala" kan jedhu amalli akkanaa isaaniirra hin jiru. Hunduu gamtoomanii akka qaama tokkichaatti dirqama isaanii bahuun hojii isaanii hojjetu. Dhalli Namaa hoo? Namootni hedduun osoo bu’aa tokkollee hawaasa isaaniif hin buusin, dhamaatii fi jireenya namoota birootiin of dhaadheessuuf ykn yeroo isaanii qisaasessuuf yaalu. Milkaa'ina dhugaa garuu hojii garee fi tokkummaatu fida! 3) Mul'ata Fagoo Fi Qophii Eegeree (Vision & Long-term Planning) Mixiileen yeroo bonaa soorata isaanii walitti qabatanii ol kuufatu; sababni isaas yeroo gannaa soorata argachuun ulfaataa ta’uu ni beeku. Gama biraatiin, namootni baay'een waan har'a argatan har'uma fixatanii "Isa borii Waaqatu beeka" jechuun abdii duwwaan jiraatu. Tujaarichi beekamaan Ameerikaa Waaren Bafeet, "Namtichi ati har'a gaaddisa muka tokkoo jala taa'aa jirtu sun, mukicha kan dhaabe waggoota hedduun dura" jedhee ture. Milkaa'ina keessaniif har'a bu'uura cimaa kaa'uun dirqama. —————————— 📩 HUBADHU! Bizinasii Network Marketing keessa milkaa'inaan hojjechuuf maatii dureessa irraa dhalachuu ykn beekumsa guddaa qabaachuun si hin barbaachisu. Wanti Si Barbaachisu: • Utuu addaan hin kutin akka mixiileen guyyuun hojjechuudha. • Galma kee irratti jabaattee dhaabbachuudha. Kana Beeki! 🙏 Karaan qaxxaamurri (shortcut) milkaa'inaaf hin jiru. Tibba tokkotti tarkaanfii tokko fudhadhu. Utuu hin nuffin, utuu addaan hin kutin suuta deemsa kee itti fufi. Coba roobaa tokkotu yeroo walitti qabamu Lolaa / Bishaan gurguddaa ta'a! Har'uma jalqabi; milkaa'inni kee si eegaa jira! 🌟🌟🌟🏆 JOIN GOCHUUN MAATII TA'AA!! 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/DigitalKnowledgeLibrary https://t.me/Committedtoyourdreams https://t.me/RetrainYourBrain
27 ·

Nearby in the feed

MMilkina (BRIGADE BUSINESS)Jalqaba Ati Maraadhu! Hogganaa (Manager) artistichaati. Waltajjii irratti akkamiin qalbii daawwattootaa akka hatu gaafa gorsu akkas jedheeni, "Yeroo waltajjiittMMilkina (BRIGADE BUSINESS)Photo
this message
MMilkina (BRIGADE BUSINESS)🎈IB/Owner: Dursa Dunfa On Experience Sharing 📣MMilkina (BRIGADE BUSINESS)Audio
𝗗𝗗𝗜𝗚𝗜𝗧𝗔𝗟 𝗞𝗡𝗢𝗪𝗟𝗘𝗗𝗚𝗘𝗗𝗜𝗚𝗜𝗧𝗔𝗟 𝗞𝗡𝗢𝗪𝗟𝗘𝗗𝗚𝗘@DigitalKnowledgeLibrary · channel
291subscribers30average post reach
Venue feed Open in Telegram

An open public feed from the search index ChatCrawler — “Google for public Telegram”; refreshed as the venue is crawled. Times are UTC.

Public content only, official Telegram API. About · FAQ · Index limits · Remove a page · Catalog · Search · How we count