Photo
Photo
Photo
Photo
Shamil Sufiyan
#Ergaa_Yaadachiisa_Guyyaa_Hojii_Idilee_Manneen_Murtii_Godina_Harargee_Bahaa
Manneen Murtii Godina Harargee Bahaa guyyaa boruu Fuulbana 21/2019 hojii idilee isaanii ifatti ni jalqabu.
Akkuma beekamu Abbootiin Seeraa waggaa tokko keessatti boqonnaa ji'a lama walitti Aanan akka qabaatan labsii lakk.216/2011 keewwata 44(1)n tumamee jira. Yeroon boqonnaa Abbootii Seeraa kuniis Adooleessa 21/2018 irraa hanga Fuulbana 20/2019 ta'uu Dambiin bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa fi Mudamtootaa irra deebiin fooyya'ee bahe lakk.7/2012 keewwata 80(1) jalatti ifaan tumamee jira. Boqonnaan Abbootii Seeraa guyyaa har'aa xumuramee waan jiruuf Fuulbana 21/2019 irraa jalqabee guyyaa hojii idilee ta'uu dambiin karoora hojii gannaa Manni Murtii Waliigala Oromiyaa gad kenne irraa ni hubatama. Kanaafuu Hawaasni Manneen Murtii Ol'aanaa fi Manneen Murtii Aanaalee hundi dambii kana bu'ura godhachuun guyyaa boruu Fuulbana 21/2019 Manneen Murtii ifatti banamuun tajaajila idilee hojii kenniinsa tajaajila Abbaa Seerummaa guututti kennuu jalqabu waan ta'eef harcaatii tokko malee hojii akka seenan jechaa hojii keenyaas amanamummaan , gahumsaa fi qulqullinaan karaa guutuu ta'een Abbootiin Seeraa Mana Murtii Ol'aanaa fi Manneen Murtii Aanaalee, hojjataan mudamaas ta'ee hojjataan bulchiinsaa kamuu hojii idilee isaa irratti argamee hawaasa tajaajiluu akka qabu Manni Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa beeksiseera.
#KOMINIKEESHINII_MANA_MURTII_OLAANAA_GODINA_HARARGEE_BAHAA
✍ Odeeffannoo Manni murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa tamsaasu argachuuf:Toora facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100069113653886&mibextid=ZbWKwL
Telegiraamii:https://t.me/MMOGHB12
Tiktok:https://vm.tiktok.com/ZMMtHoT6n/
YouTube:https://www.youtube.com/@MMOGHB
Instagram:https://www.instagram.com/mana.murtiiolaanaaghbahaa?igsh=MXNyMTVtbzlmZGh0Ng==
Twitter (X):https://x.com/MMOGHBahaa?t=_l3YooTz7LTKSY7VNZ6SUA&s=09
Whatsapp: https://whatsapp.com/channel/0029VaLpMXS11ulPPF83Gt1c irratti nu hordofaa
3 · 531 · Photo
1 · 580 · Shamil Sufiyan
#Sirna_Baniinsa_Hojii_Idilee_Bara_2019
Hawaasni Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa sirna baniinsa hojii idilee bara 2019 sababeeffachuun marii gaggeesse.
(Fulbaana 21/2019,MMOGHB, Harar) Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaatti sirna baniinsa hojii idilee bara 2019 sababeeffachuun mariin gaggeeffamee jira.
Pirezidaantii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa Kabajamoo Obbo Muktaar Ahmad saganticharratti argamuun haasaa baniinsaa taasisaniin hawaasni Mana Murtii Ol'aanaa yeroo boqonnaa ji'a lamaan gannaa xumuruun baga bara hojii idilee haaraa nagayaan geessan bara dabre hojiilee keenya haala gaariin hojjachuun bu'aa gaarii galmeessinee jirra bara kanaas hanqinoota xixiqqoo jiran yeroo osoo hin kennineef qabannee hojii keenya gahumsaan, kaka'umsaa fi qindoominaan hojjachuun jijjiirama Ol'aanaa akka galmeessinu abdii guddaan qaba kanaaf hundi keenya gahee nurraa eegamu bahachuu qabna jechuun dhaamuun hojiin idilee ifatti jalqabuu isaa ifoomsaniiru.
559 · Photo
Photo
Photo
Photo
Photo
Photo
Photo
Photo
Photo