ChatCrawlersearch across public Telegram Open the app
Q

Qubee Discussion 📚

12 446 members
I
Фотография
click to show
#Tech #App #Education #ChatGPT #Andriod Appilikeeshinii ajaa'ibaa bilbila keessan irraa gonkumaa dhabamuu hin qabneefi hojii keessan kan isiniif salphisu, namoota hunda kan fayyadamu, keessattuu barattootaaf ammoo baay'ee barbaachisaa kan ta'e, wanta achi irratti gaafattan ariitiidhaan kan isiniif deebisu! Link kanaa gadi jiru tuquun bakka Install ykn Download jedhu tuquun ammuma buufadhaa itti fayyadamaa!   👇👇👇 https://qubeeonline.com/2024/04/appilikeeshinii-ajaaibaa-ai-kan-bilbiloota-android-faayidaa-hedduu-qabu/
8.6K ·
Фотография
click to show
#Waamicha #ArbaMinchUniversity Waamicha Yuunivarsiitii Arbaa Miinci Guyyaan seensa Yuunivarsiitii bara barnootaa 2019 Wiixata Fulbaana 11 bara 2019 dha. Guyyaan filannoo department Fulbaana 11 fi 12 bara 2019 dha (Barattoota waggaa tokkoffaa xumurtaniif) Guyyoota galmee :- Fulbaana 12 fi 13 bara 2019. Guyyaa barnoonni itti eegalu :- Kamisa, Fulbaana 14 bara 2019 dha Kanaanis barattoonni buleeyyii guyyoota caqasamanitti, reejistiraara Kaampaasiiwwan keessanitti argamutti qaamaan argamuun galmee akka taasistan Yuunivarsiitichi beeksiseera. Barattoota Sagantaa Reemeediyaalii bara 2018 Yuunivarsiitii Arbaa Miincitti fudhattanii qabxii darbiinsaa fiddaniif waamichi yeroo biraa taasifama jedhameera. Waamicha Yuunivarsiitiiwwan biroo argachuuf channel keenya join taasisaa! @Qubee_Media_Official @Qubee_Media_Official
7.9K ·
Фотография
click to show
Фотография
click to show
Фотография
click to show
Фотография
click to show
#Ministeera_Barnootaa #MoE #Yuunivarsiitii Kaalaandarii bara barnootaa 2019 kan Ministeera Barnootaa Ministeerri Barnootaa bara barnootaa 2019 kaalaandarii Barnootaa dhaabbilee barnoota olaanoo ifoomseera. Bu'uura Kaalaandarii kanaanis Fulbaana 7 fi 8 bara 2019 barattoonni Digirii tokkoffaa hundi barattoota Sagantaa Reemeediyaalii dabalatee akkasumas kan Digirii lammaffaa galmeen ni gaggeeffama Kaalaandariin kun akka ibsutti barattoonni Digirii tokkoffaa hundi barattoota Sagantaa Reemeediyaalii hundi barattoota Sagantaa Reemeediyaalii dabalatee akkasumas kan barattoota digirii lammaffaa barnoonni Fulbaana 11 bara 2019 akka jalqabamu ibsameera. Guutummaa kaalaandarii suuraa armaan olii irraa ilaalaa! @Qubee_Media_Official @Qubee_Media_Official
8.6K ·
Фотография
click to show
#Waamicha #Yuunivarsiitii_Dabra_Maarqoos #DebreMarkosUniversity Waamicha Yuunivarsiitii Dabra Maarqoos Yuunivarsiitii Dabra Maarqoositti barattoonni Kaampaasii Yaalaa fi Saayinsii Fayyaa guyyaan seensaa bara barnootaa 2019 Fulbaana 11 fi 12 bara 2019 ta'uu isaa Yuunivarsiitichi beeksiseera. Kanaanis barattoonni buleeyyii Yaalaa fi Saayinsii Fayyaa guyyoota jedhamanitti qaamaan argamtanii galmee akka taasistan Kaampaasichi beeksiseera. Waamicha Yuunivarsiitiiwwan biroo argachuuf channel keenya join taasisaa! @Qubee_Media_Official @Qubee_Media_Official
8.2K ·
Фотография
click to show
#Waamicha #Yuunivarsiitii_Samaraa #SamaraUniversity Waamicha Yuunivarsiitii Samaraa Yuunivarsiitiin Samaraa barattoota buleeyyii digirii tokkoffaa waggaa lammaffaa fi oliitiif akkasumas barattoota digirii lammaffaatiif guyyaan seensaa bara barnootaa 2019 Fulbaana 10 bara 2019 ta'uu isaa beeksiseera. Guyyaa Galmee :- Fulbaana 11 fi 12 bara 2019 Guyyaa Galmee adabbiin :- Fulbaana 13 bara 2019 Barnoonni kan itti eegalu :- Fulbaana 13 bara 2019 Bara 2018 sagantaa Reemeediyaaliin barnoota keessan hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa kan fiddaniif akkasumas barattoota haaraa Yuunivarsiitii Samaraatti bara 2019 ramadamtaniif guyyaan galmee gara fuulduraatti kan ibsamu ta'a Waamicha Yuunivarsiitiiwwan biroo argachuuf channel keenya join taasisaa! @Qubee_Media_Official @Qubee_Media_Official
9.3K ·
I
Фотография
click to show
#Waamicha #Yuunivarsiitii_Jigjigaa #JigjigaUniversity Waamicha Yuunivarsiitii Jigjigaa Yuunivarsiitiin Jigjigaa barattoota buleeyyii digirii tokkoffaa fi lammaffaaf waamicha bara barnootaa 2019 taasiseera. Kanaanis guyyaan galmee bara barnootaa 2019 Fulbaana 11 fi 12 bara 2019 ta'uu Yuunivarsiitichi beeksiseera. Waamicha Yuunivarsiitiiwwan biroo argachuuf channel keenya join taasisaa! @Qubee_Media_Official @Qubee_Media_Official
9.6K ·
Фотография
click to show
#Waamicha #UoG #Yuunivarsiitii_Gondar Koolleejjiin Saayinsii Fayyaa fi Yaalaa akkasumas Hospitaala Walii galaa Ispeeshaalaayizdii Yuunivarsiitii Gondar barattoota buleeyyii digirii tokkoffaatiif waamicha bara barnootaa 2019 taasiseera. Guyyaa Galmee :- Fulbaana 4 fi 5 bara 2019 Guyyaa barnoonni itti jalqabu :- Fulbaana 6 bara 2019 Kanaanis Koolleejjii kanatti department 18 hundi barattoonni isaanii buleeyyii digirii tokkoffaa guyyoota caqasamanitti qaamaan argamuun galmee keessan akka taasistan. Waamicha Yuunivarsiitiiwwan biroo argachuuf channel keenya join taasisaa! @Qubee_Media_Official @Qubee_Media_Official
8.5K ·
I
Фотография
click to show
#Application #Tech #AI #ChatGPT #Andriod #Google Appilikeeshinii Google kan AI ChatGPT kaardii malee hojjetu! • Google AI waan haaraa kana dura hin turre qabatee dhufeera • Kana booda AI fayyadamuuf akka durii Intarneetii fayyadamuun dirqama miti • Dhaabbanni guddichi Teeknooloojii Google AI kan Intarneetii malee kaardii osoo hin guutiin bilisaan hojjetu ifoomseera. Isinis Appilikeeshinii bilisaa kana link armaan gadiin seenuun akkaataa fayyadama isaa ilaaluun bakka INSTALL jedhu tuquun buufadhaa itti fayyadamaa! https://qubeeonline.com/2025/08/run-ai-offline-step-by-step-guide-for-2025/
8.2K ·
Фотография
click to show
#Breaking #Sagantaa_Reemeediyaalii Qabxiin seensa Sagantaa Reemeediyaalii bara 2019 ifoomeera Bara Barnootaa 2019 qabxiin seensaa barattoonni sagantaa Reemeediyaalii Yuunivarsiitii Mootummaatti fudhachuuf isaan dandeessise ykn qabxiin seensaa Ministeera Barnootaatiin ifoomeera. Bu'uura kanaanis; 1. Dhiiraaf Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaa 600 keessaa 240 fi isaa ol ykn 40% 2. Shamarraniif Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaa 600 keessaa 228 fi isaa ol ykn 38% @Qubee_Media_Official @Qubee_Media_Official
9.5K ·
I
Фотография
click to show
#MoE #Ministeera_Barnootaa Barnoonni bara barnootaa 2019 Fulbaana 5 bara 2019 ni eegala :- Ministeera Barnootaa Bu'uura Kaalaandarii bara barnootaa 2019 tiin, barnoonni bara barnootaa 2019 Fulbaana 5 bara 2019 akka jalqabu Ministeerri Barnootaa mirkaneesseera Kanaanis maatiin barattootaa, hawaasni barnootaa hundi fi qaama dhimmi isaan ilaallatu ijoollee barnootaaf gahan wantoota barnootaaf barbaachisa guutuun gara barnootaatti erguun akka barbaachisu himameera Bara haaraa 2019 kanatti kutaa meeqaffaa seentu? Comment irratti barreessaa, nama siniin wal fakkaatu reply @Qubee_Media_Official @Qubee_Media_Official
8K ·
Фотография
click to show
#Waamicha #Yuunivarsiitii_Haramaayaa #HaramayaUniversity Yuunivarsiitiin Haramaayaa barattoota buleeyyii idilee waggaa 2ffaa fi isaa oliif barattoota fayyaa dabalatee guyyaa galmee bara barnootaa 2019 ifoomseera. Guyyoota itti report taasistan :- Fulbaana 21-24 bara 2019 Guyyaa galmee online :- Fulbaana 22-24 bara 2019 Guyyaa Galmee qaamaan :- Fulbaana 25 bara 2019 Guyyaan galmee barattoota waggaa tokkoffaa gara fuulduraatti ibsama. Waamicha Yuunivarsiitiiwwan biroo argachuuf channel keenya join taasisaa! @Qubee_Media_Official @Qubee_Media_Official
7.5K ·
I
Фотография
click to show
#MoE #Tigraay 🚨 Oduu Ammee: Barattoonni Yuunivarsiitota Tigraay Galmee Jijjiirraa (Transfer) Jalqabaa! Ministeerri Barnootaa barattoota Yuunivarsiitota Naannoo Tigraay keessatti barachaa turaniif xalayaa galmee jijjiirraa yeroo gara Yuunivarsiitota Mootummaa kanneen birootti ittiin jijjiirraman official gochuun saaqeera. 📌 Qabxiiwwan Ijoo fi Unka Guutuu Qabdan: 🔗 Liinkii Galmee: student.ethernet.edu.et/university-transfer/ 🪪 Akkaataa Seensaa: Lakkoofsa Madaallii/Minoo Keessan (Fayidaa Identification Number) fayyadamtu. ⏳ Daangaa Yeroo: Hanga Fulbaana 08/2019 A.L.I tti qofa! 📝 Odeeffannoo Guutamu: Yuunivarsiitii kanaan dura baratan, waggaa barnootaa, sagantaa barnootaa fi odeeffannoowwan barbaachisoo biroo. Barattoonni kanaan dura waraqaan (hard copy) iyyannoo galchitanis, liinkii kanaan irra deebitanii online guutuun dirqama! 📢 Hiriyoota keessan barattoota Yuunivarsiitii Tigraay turan hundaaf dafaa Share godhaa! 🌐 Nu Hordofaa: @Qubee_Media_Official @Qubee_Media_Official
7.4K ·
Фотография
click to show
#Waamicha #Yuunivarsiitii_Dambi_Doolloo #DambiDolloUniversity Waamicha Yuunivarsiitii Dambi Doolloo Yuunivarsiitiin Dambi Doolloo barattoota buleeyyiif guyyaa galmee bara barnootaa 2019 Fulbaana 12 fi 13 bara 2019 ta'uu ibseera. Guyyoota caqasamanitti qofaa Biiroo Reejistiraara Yuunivarsiitichaatti qaamaan argamuun akka galmooftan jedhameera. Barattoota haaraa bara 2019 gara Yuunivarsiitii Dambi Doollootti ramadamaniif, akkasumas bara 2018 sagantaa Reemeediyaaliin barnoota keessan hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa kan fiddaniif guyyaan seensaa gara fuulduraatti kan ibsamu ta'a. Waamicha Yuunivarsiitiiwwan biroo argachuuf channel keenya join taasisaa! @Qubee_Media_Official @Qubee_Media_Official
6.4K ·
Фотография
click to show
#Waamicha #KUE #Kootabee Yuunivarsiitiin Barnootaa Kootabee barattoota idilee fi walitti fufiinsaan barattoota waggaa lammaffaa fi isaa oliif guyyaan galmee bara barnootaa 2019 Fulbaana 18-20 bara 2019 ta'uu isaa ibseera. Barattoonni bara 2015 seenan sagantaa idilee galmeen Seemisteera 2ffaa Fulbaana 21 fi 22 bara 2019 dha. Barnoonni barattoota sagantaa walitti fufiinsaa Sanbata Fulbaana 23 bara 2019 kan jalqabu yoo ta'u, barnoonni sagantaa idilee ammoo Wiixata Fulbaana 25 bara 2019 ni eegala jedhameera. Barattoota haaraatiif waamichi gara fuulduraatti kan taasifamu ta'a. Waamicha Yuunivarsiitiiwwan biroo argachuuf channel keenya join taasisaa! @Qubee_Media_Official @Qubee_Media_Official
5.8K ·
Фотография
click to show
#Breaking #Kutaa_12ffaa #Yuunivarsiitii Bu'aan Ramaddii Yuunivarsiitii ifoome! Bu'aan Ramaddii Yuunivarsiitii barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 fudhatanii qabxii darbiinsaa fidanii ifoomeera. Link armaan gadiin seenuun Yuunivarsiitii itti ramadamtan ilaalaa! Yuunivarsiitii kam isin gahe? comment irratti nuuf barreessaa! Barattoota Yuunivarsiitii walfakkaataa isin gahe waliin wal baraa! https://student.ethernet.edu.et/view-placement Waamicha Yuunivarsiitiiwwan biroo argachuuf channel keenya join taasisaa! @Qubee_Media_Official @Qubee_Media_Official
5.8K ·
Фотография
click to show
#Update #Kutaa_12ffaa #Ramaddii Waa'ee Ramaddii Yuunivarsiitii bara 2019 Barattoota kutaa 12ffaa bara 2018 qormaata biyyaalessaa fudhattanii qabxii darbiinsaa fiddanii Ramaddii Yuunivarsiitii guuttan hundaaf yeroo ammaatti ramaddiin kan ifoome ta'uu Ministeerri Barnootaa ibseera. Ramaddiin kunis bu'aa fi filannoo barattootaa, hanga simannaa Yuunivarsiitiiwwanii, faca'iinsa manneen barnootaa naannoo, godinaa fi aanaa akkasumas madaallii saalaa xiyyeeffannoo keessa galchuun kan taasifame ta'uu Ministeerri Barnootaa ibseera. Dabalataaniis barattoonni 600 keessaa 500 fi isaa ol fidan filannoon isaanii jalqabaa kan isaaniif eegame ta'uu ibsameera. Barattoonni bu'aa Ramaddii Yuunivarsiitii keessanii ilaaluuf; https://student.ethernet.edu.et/view-placement Filannoo fi Ramaddii Yuunivarsiitii irratti barattoonni komii qaban guyyaa itti ifoome irraa kaasee guyyoota shan keessatti karaa online komii dhiyeeffachuu dandeessu! https://student.ethernet.edu.et/complaints @Qubee_Media_Official @Qubee_Media_Official
6.4K ·
I
Фотография
click to show
#AI #APP #Claude #ChatGPT Applikeeshinii AI hanga ammaatti dhageessanii hin beekne ✓ Applikeeshinii kun kana dura kan itti fayyadamaa turtan Chatgpt ni caala ✓ Assignment, document garaa garaa salphaatti siniif qopheessa ✓ Odeeffannoo isaa sirrii ta'uun chatGPT ni caala ✓ Yeroo ammaa kana Applikeeshinii AI iddoo guddaatti eegamaa jirudha ✓ Tajaajiloota garaa garaatiif fayyadamuu dandeessu. Link armaan gadiin seenuun bakka Install jedhu tuquun buufadhaa! yoo isin rakkise karaa keessaa nu dubbisaa! https://qubeeonline.com/2026/04/what-is-claude-ai/
6.3K ·
Фотография
click to show
#Reemeediyaalii #Yuunivarsiitii #MoE Filannoo Yuunivarsiitii Barattoota Sagantaa Reemeediyaalii Barattoonni qabxii seensa Sagantaa Reemeediyaalii fiddan filannoo Yuunivarsiitii akka taasistan Ministeerri Barnootaa ibseera.   Bara 2018 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhattanii bu'aa sagantaa Reemeediyaalii galchuun kan fiddan filannoo Yuunivarsiitii har'a Fulbaana 7 irraa kaasee hanga Fulbaana 11 bara 2019 tti akka taasistan Ministeerri Barnootaa ibseera.   Link ittiin Yuunivarsiitii filattan kunooti; https://student.ethernet.edu.et/preferences   Waamicha Yuunivarsiitiiwwan biroo argachuuf channel keenya join taasisaa! @Qubee_Media_Official @Qubee_Media_Official
5.6K ·
I
Фотография
click to show
#Reemeediyaalii #MoE ⚠️ Komii Barattoota Reemeediyaalii Bara 2018 Barattoonni Reemeediyaalii Yuunivarsiitota Mootummaa keessatti baratan bu'aan qormaata xumuraa dhiyeenya kana gadhiifame carraaqqii isaanii waliin kan wal hin simne fi baay'ee gadi bu'aa ta'uu ibsuun, akka isaaniif qoratamuuf Ministeera Barnootaatiif komii dhiyeessaniiru. 📌 Rakkoolee Ijoo Barattoota Mudatan: 📚 Qabxii Gadi Bu'aa Joograafii fi Fiiziksii: Barattoota jabaatoo dabalatee, qabxiin gosoota kanaa haala walfakkaatuun gadi bu'uu fi 100tti osoo hin jijjiiramiin taa'uun sirreessa qormaataa irratti shakkii uumera. 🌐 Citinsa Interneetii: Yeroo qormaataa citinsii fi cufamuun interneetii mul'achuu. 🔄 Qormaata Marsaa 3n Kennamuu: Marsaawwan 3'n kennamuun isaa odeeffannoo fi bu'aa gidduutti dogoggora uumuu danda'a jedhanii shakkan. ❌ Dhimma "Disqualified": Jalqaba Disqualified erga jedhamaniin booda bu'aan sirreeffamee dhihaate gadi bu'aa ta'uu fi tokko tokko immoo cufaatti hafuu isaanii. @Qubee_Media_Official @Qubee_Media_Official
5.1K ·
Фотография
click to show
#Breaking #Leenjii_Barsiisummaa #Ministeera_Barnootaa Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa Yuunivarsiitiin Barnootaa Kootabee bara 2019 tti ji'oota sagaliif kan kennamu Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa ykn ATTP leenji'anii ogummaa Barsiisummaan tajaajiluu kan barbaadan simatee baasii isaanii haguugee leenjisuu barbaada. Gosoota Barnootaa leenjii kanaaf barbaadaman; 1. Biology 2. Chemistry 3. Mathematics 4. Physics 5. Information Communication Technology 6. History 7. Geography 8. Citizenship 9. Economics 10. Agriculture 11. Performing and Visual Arts 12. English Language Ulaagaalee Galmee fi odeeffannoo kanneen biroo fuula Facebook keenya Follow taasisuun ilaalaa! Galmee Fulbaana 9-25 bara 2019 Link galmee boru gadhiifama! Barattoota Leenjii Barsiisummaa Ministeera Barnootaa barbaadan hundaaf share taasisaa! @Qubee_Media_Official @Qubee_Media_Official
1.6K ·
I
Ссылка
click to show
Report financial fraud and reclaim lost funds: RECOVER YOUR INVESTMENT SCAM LOSSES IN HOURS before this post disappears! 💰 #ad 📢 InsideAd
636 ·
Archive by month
Open in Telegram Каталог площадок Искать в ChatCrawler

A snapshot of an open public feed from the search index ChatCrawler — “Google for public Telegram”; refreshed as the venue is crawled. Times are UTC.

Public content only, official Telegram API. About · FAQ · What we do not do · Remove a page · Catalog