English
Open in Telegram
WWaajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo

@WAA4AB · channel · indexed since 2026-10-04
2 036subscribers
220average post reach
10.8%ER — reach to subscribers
3posts in 30 days
Sheref Ame
File
English Grade 8.pdf · 8.0 MB · click to show
File
FJQ Kutaa-8.pdf · 11.7 MB · click to show
File
HERREGA Kutaa-8.pdf · 4.1 MB · click to show
File
Information Technology Grade-8.pdf · 3.1 MB · click to show
File
Lammummmaa Kutaa-8.pdf · 9.0 MB · click to show
File
Og-Aartiiwwan Kutaa-8.pdf · 10.5 MB · click to show
File
Saayinsii Waliigalaa Kutaa-8.pdf · 16.6 MB · click to show
File
Afaan Amaharaa Kutaa-8.pdf · 62.5 MB · click to show
File
Afaan Oromoo Kutaa-8.pdf · 4.8 MB · click to show
File
Barnoota Hawaasaa Kutaa-8.pdf · 8.5 MB · click to show
6 · 547 ·
1.   Labsii Waliigaltee Kireessaa fi Kireeffataa (Rent Control Law) Lakkoofsa Labsii: Labsii Lakkoofsa 1320/2016 (Proclamation No. 1320/2024) Bara Inni Bahe: Ebla / Caamsaa 2016 T.I (April / May 2024 G.C) irratti kan tumameedha. Mata Duree Labsiichaa: Labsii Bulchiinsaa fi To'annoo Kiraa Mana Jireenyaa (Residential Housing Rent Control and Administration Proclamation). 2.   Seerota Biroo Waa'ee Waliigaltee Kiraa Dubbatan Seera Hammattaa (General Code): Seera Sivilikii Itiyoophiyaa (Civil Code of 1960) Keewwattoota 2896 – 2974: Dhimma waliigaltee kiraa qabeenyi hin sochoonee (Lease of Immovables / Housing Contracts) guutummaatti to'ata. Keewwattoota 1675 – 2026: Tumaalee waliigala waliigaltee (General Contract Principles). Labsiilee/Qajeelfamoota Naannolee fi Bulchiinsa Magaalotaa: Labsiilee fi qajeelfama bulchiinsa manneen mootummaa (Kebele/Housing Agency) fi labsii bulchiinsa lafa magaalaa (Urban Land Lease Law). 3.   Bu'uura Seeraatiin Mirgaa fi Dirqama Abbaa Manaa fi Kireeffataa A. Mirgaa fi Dirqama Abbaa Manaa (Kireessaa) Dirqama: Ø  Mana kireeffame haala tajaajilaaf mijoatuun kireeffataaf dabarsanii kennuu fi yeroo waliigaltee keessatti nagaa fi mijaa'ina manichaa eeguu (Seera Sivilikii Kew. 2900 & 2904). Ø  Suphaa gurguddaa (major repairs) manichaa raawwachuu (Seera Sivilikii Kew. 2916). Ø  Waliigaltee keessatti kiraa kaffalameef nagahee (receipt) kaffaltii kennuu (Labsii 1320/2016). Ø  Waliigaltee kiraa waajjira bulchiinsa naannoo (woreda/sub-city) irratti galmeessisuu (Labsii 1320/2016). Mirga: Ø  Kaffaltii kiraa yeroo isaatiin gaafachuu fi fudhatama gochuu (Seera Sivilikii Kew. 2921). Ø  Manichi haala seeraan alaatiin akka hin faalamne, hin mancaane ykn tajaajila waliigalaman ala akka hin oolle to'achuu (Seera Sivilikii Kew. 2929). B. Mirgaa fi Dirqama Kireeffataa (Tenant) Dirqama: Ø  Kaffaltii kiraa waliigallame yeroo isaatti kaffaluu (Seera Sivilikii Kew. 2921). Ø  Mana akka gaariitti (good father of a family) kunuunsanii qabachuu fi suphaa xixiqqaa (mino… Read in full →
4 · 584 ·
Qabiyyeesaa: Abbaan manaa mana kireesse gurguruun isaatiin qofa waliigalteen kiraa kireeffataa waliin jiru deesii (terminate) hin ta'u; bitataan fooyya'iinsa malee waliigaltee kiraa san fuudhee itti fufuuf dirqama qaba (Seera Sivilikii Kew. 2932 bu'uureffachuun). Murtii 3: Lakkoofsa Galmee: Lakk. Galmee 102436 Jildii: Jildii 18ffaa Qabiyyeesaa: Waliigaltee kiraa keessatti kireeffataan mirga mana kireeffate qaama 3ffaaf dabarsei kireessuu (sub-lease) kan qabaatu waliigaltee irratti barreeffamaan abbaa manaa irraa eeyyama yoo argate qofa ta'uu ibsa.
2 · 652 ·
M
Photo
Photo
Photo
Photo
Photo
Photo
‎Hubannoo seeraa gaafa guyyaa 13/1/2019 Milishaa humna furgaatuu Aanaa Baddannootiif mata duree armaan gadii:- ‎1) Mirgaa fi dirqama milishaan qabu labsii Labsii lakk.31/1992 fi Dambii Lakk 197/2010 ‎2) Seeraa yakkaa bara 1996 bahee irratti hubannoo Seeraa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannootiin keennameedha ‎
949 ·
Sheref Ame
File
Dambii_Lafti_Faayidaa_Uuummataaf_Jecha_Yommuu_Gadi_Lakkifamu · 426 KB · click to show
File
Labsii Lakk. 1161 bara 2012 afaan oromootti hiikame.pdf · 314 KB · click to show
2 · 584 ·
#NAMNI_OSOO_BITTAA_FI_GURGURTAAN_HIN_RAAWWATAMIN_NAGAHEE_KENNE_YO_KAN_FUDHATE_YOOKIIN_GOCHI_AKKANAA_AKKA_RAAWWATUUF_KAKAASE_YOKIIN_GA_GAARE_YAKKAAN_NI_GAAFATAMAA??? Ø  Hojii namni Galmaa'aa Gibiraa fi taaksii hin ta'in hojjate irratti akkasumaas gurgurtaa meeshaalee fi tajaajilaa namni seeraan galmaa'aa taaksii hin ta'in gaggeesse irratti yookiin Galii dhaabbanni ykn namni dhuunfaa Galmaa'aa taaksii hin ta'in argate irratti namni dhuunfaa ykn dhaabbanni biroo kamiyyuu osoo ofii isaatiin hojii sana hin hojjatin osoo ofii isaatii Galii sana hin argatin akka nama hojii sana ofii isaatiin hojjateetti yookiin akka nama gurgurtaa sana ofii isaatiin gaggeesseetti Qaama galmaa'aa taaksii hin ta'iniif sanada Galii isaa ykn nagahee galii isaa kan muree argame adabbii qarshii 100,000.00 (kuma dhibba tokko) hanga 200,000.00(kuma dhibba lamaa) ga’uunii fi hidhaa cimaa waggaa torba hanga waggaa kudhanii ga’uun ni adabama. Ø  Yoo nagaheen himatamaan kun osoo bittaa fi gurgurtaan hin raawwatamin kenne yokiin fudhate sun maallaqa hanga qarshii 200,000 caalu ofirraa kan qabdu tahe adabbii maallaqaa hanga  Nagaheen sun ifirraa qabduun walqixa tahuu fi adabbii hidhaa waggaa kudhanii hanga waggaa kudha shanii ga’uun ni adabama. Ø  Namni ykn dhaabbanni biroo kamiyyuu kan yakki kun akka raawwatuuf jajjabeesse, tumse, kakaase yookiin kan waliigale kamiyyuu irratti adabbiin raawwataa/nama raawwataa yakkaa muummee irratti buufameen ni adabama.   ü  Maddi:-Labsii Bulchiinsa Gibiraa Fi Taaksii MNO Lakk.203/2009 Keewwata 120(4) Fi (5) Fi 128    
2 · 707 ·
S
#Bulchiinsa_Nagahee 1) Nagaheen kamiyyuu manneen hojiii mootummaa keessatti galii fi baasii yeroo ta'u galmee dhaabbii addaa irratti galmaauu qaba, 2)Tokkoon tokkoon namoota nagahee kutaa gabeenyaa irraa baasii taasisan i itti hojjeetaniif kaardiin fayyadamtootaa madaalliin ittiin hojjeetamu banaamuufii qaba 3) Namni kamiyyuu nagahee baasee ittiin hojjatu akkaataa seera rogummaa qabuun wabii dhiyeessuu qaba. 4)Keewwata kana keewwata_ xigqaa 3 jalatt kan ibsame akkuma jirutti ta'ee, nagahee Dura ta'aa yookiin bakka buuse fuudhee maallaqaa yookiinqabeenya itti sassaabu ilaalchisee qaamni nagahee kennu bu'uura uunkaa waliigaltee miiltoo qajeelfama kanaan walqabatee jiruun mallateessisuun kennamu qaba 5)Tokkoon tokkoo nagaheen gali itti hojjatamee yeroo xumurame hanga maallaqaa sassaabame lakkoofsa herreega baankii baname irratti galii gochuun nagahee gali baankii fi waraabbii lammaffaa waliin manneen hoiii mootummaatiif dhiyeessuun sirrummaan herreega sassabamee mirkaneessuun nagahee galii xumura (modeela 64) ni kennamaaf. 6)Keewwata kana keewwata xiqqaan 5 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta'ee, nagaheen galii keessa Gandaa kan itti hojjeetamee ji'a ji'aan kooppiin lammaffaan hojjeeta Herregaa Gandaa Waajj ira jiruuf dhiyaate galmaa' uu qaba. 7)Keewwata kana keewwata xiqqaa 5 fi 6 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta'ee, nagahee itti hojjeetamee akkuma xumurameen guyyoota hojii torbaa keessatti gali taasisuu qaba. 8)Nagaheen itti hojjeetamee xumurame hafteen paadii isaa kutaa qabeenya irraa fudhatanitti deebiuu qaba. 9)Keewwata kana keewwata xiqgaa 8 jalatti ibsame akkuma jiruutti ta'ee, Manneen hojii mootummaa kutaa bulchiinsa Faayinaansii qaban kutaa qabeenya isaanitti deebisuu qabu. 10)Nagaheen itti hojjeetamee xumurame sanadni isaa kutaa harshameetti He/Mo 42'n deebi"uu qaba. 11)Namni nagahee itti hojjeetame kutaa qabeenyatti deebisee, Modeela 19/B ittiin galii taasise kutaa qabeenyatti dhiyeessuun kaardii fayyadamtoota irratti of irraa buusuu qaba. 12) Keewwata … Read in full →
5 · 896 ·
M
Maammee Ibrahim
#‎Murtii_Barsiiftuu ‎~ ‎Himatamaan yakka yaalii fuudha umrii malee raawwate adabbii hidhaa salphaa ji'a afuriitiin adabame ‎~ ‎Himatamaan maqaan isaa Hamdii Haashiim Mahammad jadhamu Go/H/Bahaa Aanaa Baddannoo Araddaa Tortora Qallaa Ganda Qaaliyaa jadhamu keessatti daa'ima Umriin ishee gaa'ilaaf hin gahiin miidhamtuu dhunfaa Faamii Abdallaa Adamee jadhamtu tan Umriin isii waggaa 14 taatee siin fuudha jachuun deemmatanii isaa fuudhaaf deemuu qabamee to'annoo seeraa jala oolee jachuun eeruu dhiyaatte Abbaa Alangaa fi qorataan poolisii galmee qulqulleesuun abbaan Alangaa galmee mana murtii Aanaa Baddannootti banee falmiin barbaachisuu hundi erga gaggeefamee booda dhaddacha guyyaa arraa ooleen adabbii isaas ni barsiisa fakkaattootaakka isaa ni akeekkachisa jadhu hidhaa salphaa ji'a afuriitiin adabame jira ‎ ‎Haqaan haqaaf hojjanna Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo
1 · 715 ·
S
Sheref Ame
File
Wixinee_Labsii_Gurmaa’insaa_fi_Aangoo_Qaama_Raawwachiituu_Go · 1.1 MB · click to show
File
Wixinee_Labsii_Sirna_Bittaafi_Bulchiinsa_Qabeenyaa_Mootummaa · 426 KB · click to show
31 · 829 ·
Sheref Ame
Labsiin Yakkoota Malaammaltummaa Lakk.881/2007 kwt 23 jalatti waa'ee sanadoota mootummaa ykn dhaabbilee uummataa fakkeessanii qopheessuu, sobatti jijjiiruu ykn sanada sobaatti fayyadamuu kan tume yemmuu ta'u, tumaan kun yakkoota gosa sadii kan of keessatti hammatedha. Kunis, sanadoota fakkeessanii qopheessuu, sanadoota seera qabeessaafi sirrii ta'an sobatti jijjiiruufi sanada sobaatti fayyadamuu yemmuu ta'u, yakka malaammaltummaa kan ta'u gochoonni sun kan raawwataman sanadoota mootummaa ykn dhaabbilee uummataa irratti ykn maqaa dhaabbilee kanaatiin sobaan qophaa'uu isaati. Dantaa gochichi irratti raawwatame kan mootummaa ykn dhaabbilee uummataa ta'uudha malee eenyummaa nama gochicha raawwatee irratti hundaa'ee miti. Gochichi hojjetaa mootummaa ykn dhaabbilee uummataatiin ykn nama kamiiniyyuu raawwatamus bu'uura tumaa kanaatiin yakka malaammaltummaa ni hundeessa.    (Hiikkoo seeraa dhaddacha Ijibbaataa MMWF armaan gaditti dhoobame keessaa kan fudhatamedha) 👇👇👇 👉Dhaddachichi ejjennoowwan garaagaraa qabatamaatti jiranis kaasuun xiinxala taasiseera.    Join:-@desberofMM         Desalegn B.
1 · 259 ·
S
File
Dambii PO Lakka. 260-2018.pdf · 33.8 MB · click to show
File
Qaj duty haaraa 2019.pdf · 23.3 MB · click to show
Dambii Ittiin Bulmaata Miseensota Poolisii Oromiyaa Irradeebiin Fooyya'ee Bahe lakk.260/2018.
7 · 201 ·

An open public feed from the search index ChatCrawler — “Google for public Telegram”; refreshed as the venue is crawled. Times are UTC.

Public content only, official Telegram API. About · FAQ · Index limits · Remove a page · Catalog · Search · How we count