Web appOpen in Telegram
DDALO_TECH

DALO_TECH

@dalo_tech · channel · Tech · indexed since 2026-09-29
235subscribers
43average post reach
18.3%ER — reach to subscribers
5posts in 30 days
D
DALO_TECH
Photo
click to show
★𝗕𝗘𝗘𝗞𝗨𝗠𝗦𝗔 𝗪𝗔𝗟𝗜𝗜 𝗚𝗔𝗟𝗔𝗔★ ******* 1. Biyyi yeroo duraaf humna ibsaa bishaan irraa maddisisuu eegalte~~◇ 𝐍𝐨𝐨𝐫𝐰𝐞𝐲. 2. Biyyi yeroo jalqabaaf dandii baabura eegalte~~◇ 𝐁𝐢𝐫𝐢𝐭𝐚𝐚𝐧𝐢𝐲𝐚𝐚. 3. Biyyi yeroo jalqabaaf alaabaa mataashee maxxansuu eegalte~~◇ 𝐃𝐞𝐞𝐧𝐦𝐚𝐫𝐤. 4. Biyyi yeroo jalqabaaf mirga filuu shamarraniif kennite ~~◇ 𝐍𝐢𝐰𝐮𝐳𝐞𝐫𝐥𝐚𝐚𝐧𝐝. 5. Biyyi yeroo jalqabaaf Vaati(Value Adeed Tax) eegalte ~~◇ 𝐅𝐚𝐫𝐚𝐚𝐧𝐬𝐚𝐲 𝟏𝟗𝟓𝟒. 6. Biyyi yeroo jalqabaaf Saatalaayiti nam tolchee gara hawaatti furguugiste ~~◇ 𝐒𝐨𝐨𝐯𝐢𝐲𝐞𝐞𝐭 𝐑𝐚𝐚𝐬𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚, maqaan Saatalaayitii sanaas 𝐒𝐩𝐮𝐭𝐧𝐢𝐤 jedhama 𝟏𝟗𝟓𝟕. 7. Biyyi yeroo jalqabaaf warraaksa waarshaalee dhandhamte ~~◇ 𝐁𝐢𝐫𝐢𝐭𝐚𝐚𝐧𝐢𝐲𝐚𝐚. 8. Dubartiin yeroo jalqabaaf Dooktera fayyaa taate ~~◇ 𝐄𝐥𝐢𝐳𝐚𝐛𝐞𝐭𝐡 𝐁𝐥𝐚𝐜𝐤𝐰𝐞𝐥𝐥 jedhamti lammii Ingiland , bara 1849 Dooktera taate. ★𝗚𝗔𝗟𝗔𝗧𝗢𝗢𝗠𝗔𝗔 ★
229 ·
D
DALO_TECH
Photo
click to show
"Gammachuun kee waantota fi haalota naannoo kee jiraniin murtaa’a osoo hin taane,yaada sammuu kee keessa jiruun murtaa’a."
1 · 383 ·
D
DALO_TECH
#JIREENYI_MAALI.? Jireenyi maal akka ta'e hubachuuf iddoo 3 deemuu qabda; 1 ⁃ Hospitaala 2 ⁃ Mana sirreessaa (hidhaa) 3 ⁃ Iddoo awwaalchaa. ⩩ Hospitaalatti Fayyaa caalaa wanti gaariin akka hin jirre hubatta. ⩩ Mana hidhaatti Bilisummaan hangam gati jabeessa akka ta'e hubatta. ⩩ Iddoo awwaalchaatti jireenyi hammam gati jabeessa akka ta'e hubatta. -Dacheen har'a miilaan irra deemnu kun boru mana keenya! Kan nama gaddisiisu hundi keenya har'a qullaa as dhufne. Harka qullaas asii deemna. Atis wantoota sadan kana ilaali jireenya kee jiraadhu. -Kanaafuu koottaa garraamummaadhaan yeroo hundumaa waanuma hundumaaf waaqayyoon galateeffachaa waaqayyo jajachaa haa jiraannu.🫡 Galatoomaa ❤️🙏
2 · 230 ·
D
DALO_TECH
Seerota dinqisiisoo Kooriyaa Kaabaa qofatti argamanii fi amanuuf ulfaataa ta'an ******** 1. Of ajjeesuu yookaan yaaluun hanga dhaloota 3tti adabsiisa. Miseensa maatii keessa namni tokko yoo of ajjeese yookaan yaalii of ajjeesuu yoo raawwate, adabbiin isaa miseensota maatii guutuu eeggata. Yakka of ajjeesuu qofaa utuu hin taane yakkuma kamuu raawwachuun maatii hanga dhaloota 3ffaatti (Akaakayyuu, Abbaa, Ilma) adabsiisuu danda'a. 2. Muguu fi kolfuun nama adabsiisa Waltajjii Pirezidaantii biyyattii Kiim Jong Un haasawa taasisuu irratti muguun adabbii du'aa fiduu danda'a. Namootni hedduun haala kanaan ajjeefamaniiru. 3. Fiilmii fi muuziqaan biyya alaa dhorkaadha Muuziqaa biyya alaa dhaggeeffachuunis ta'ee fiilmii biyya biraa ilaaluun akka yakkaa guddaatti ilaalama. Biyya sanatti lammileen wa'ee fiilmiiwwan Hooliiwuud fi Booliiwuud waanti beekan hin jiru. Namni fiilmii US Ameerikaa utuu ilaaluu qabame, ajjeefamuu danda'a, fiilmii Indiyaa ilaaluun ammoo mana hidhaa nama buusa. Akeekni seera kanaa dhiibbaa biyyoota alaa hambisuu akka ta'e himti biyyattiin. 4. Bashannanaaf biyya biraa deemuun dhorkaadha Bashannanni haa hafuuti bilbila biyya biratti yookaan biyya alaatti bilbiluun yakka. Bara 2007tti namni bilbila idil-addunyaa (International call) hedduu bilbile tokko ajjeefamera. Dhimmi addaa alatti nama bilbilchiisu yoo jiraate dhimmichi ilaalamee hayyama mootummatiin ta'uu ni danda'a 5. Jiinsii uffachuu fi rifeensa akka fedhanitti sirreefachuun dhorkaadha. sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ ╔══════════════════╗ ☀️JOIN: @Dalo_tech   ☀️JOIN: @Dalo_tech ☀️JOIN: @Dalo_tech ╚══════════════════╝
217 ·
D
DALO_TECH
🦅 (of haromsi)🌴 Joobirri uumama jireenyi isaanii na ajaa'iban keessaa isa tokko, Hammuman waa'ee isaa qo'adhu na aiaa'iba. Jireenya isaa irraa wantota hedduu baranna. Qabxiilee muraasa akka armaan gadiittin dhi'eessa. Dubbisaa. 🦅🦅🦅🦅🦅 1. Dandeettiin ija isaa addadha.🦅 Uumama hundumaa keessaa kallattiidhaan aduu ilaaluu fi kallattii aduun jirtutti balali'uu kan danda'u isa qofa. Dandeettiin  arguu isaa kan dhala namaa irra dachaa 8 akka caalu qorannooleen kan ibsan yoo ta'u. adamoof yoo ba'u fageenya kiilomeetira 5 hanga 7 tti waan qabachuu barbaadu ifatti arguu danda'a. Digirii 340 of irra naanna'ee ilaaluu danda'a. Barumsaa:Jireenya keessatti fageessinee arguu danda'uun baay'ee barbaachisaadha. Namoonni fagootti arguu danda'an abboota mul'ataatti, Ofi isaaniis ta'e uummata isaanii balaa dhufuuf jiru jalaa oolchu; waan gaarii dhufuuf jiruuf immoo qopheessu. Jireenyi kan har'aa qofa miti; kan boruuti, kan iftaaniiti, Waggoota booda jireenyi kee maal ta'uuf akka jiru fageessitee ifatti arguu qabda. Yoo sana hin taane, jireenya keef kallattii hin qabaattu. 2.Joobirri  Qofaa isaa balali'a.🦅 Yeroo baay'ee kallattii barbaadetti qofaa isaa balaliuun beekama. Uumamni Joobira  caalaa ol ka'ee balali'uu danda'u hin jiru. Bakka inni jiru da'oon jalatti bokkaa dheessan hin jiru yoo ta'e, qilleensa addaan kutee ol balali'uudhaan duumessa gararraatti ol ba'a. Bokkaa gararraa ta'ee asii gad bokkaa fi uumama bokkaan reebu ilaala. 🦅 Barumsa: Gareedhaan gurmaa'uu fi  hojjechuun barbaachisummaan isaa kan wal nama hin gaafachisne ta'us, jireenya kee keessatti yeroo tokko tokko qofaa kee socho'uun barbaachisaadha, Daandii mataa kee irra imaluu, ejjennoo mataa kee qabaachuu, icciitii kan kee qofa ta'e qabaachuu...qabda. Hirkattummaan barbaachisaa miti. Of dandeessee milla lamaan dhaabbachuu danda'uu qabda. 3. Joobirri raqa hin nyaatu.🦅 Adamsee bineensa lubbuu qabu nyaatamalee, raqa lubbuun keessa hin jirre raawwatee hin nyaatu. Waa nyaachuuf ulaagaan isaa lubbuu qabaachuudha. Fayyaatti
207 ·
D
DALO_TECH
🦅 Barumsa: Mul'anni kee kunuunsa barbaada. Hanqaaquun har'aa Joobira borii akkuma ta'e, mul'anni kee haraa immoo eenyummaa kee boriiti. Kanaafuu, kunuunsa ga'aa taasisuufii qabda. Yaadota nuti guyyaa guyyaatti yaadnu hedduudha. Yaadota kanneen keessaa kan gara hojiitti jiijiiramu baay'ee muraasadha. Isaan kaan qisaasa'anii hafu. Namoonni yaadota qaban, yaadota isaanii immoo akkamitti akka hojiitti jijjiiran hin beekne baay'ee nama gadisiisuu. Yaadota kee, mul'ata kee, kaayyoo kee kunuunsuu qabda. Bakka halletti gattee hin dhiisin. Duuka bu'ii galmaan ga'i. 5. Wucoolii isaa akka itti bariisaan 🦅 Fedha isaaniin godoo keessaa erga ba'anii booda koochoo isaatti baatee asii ol balali'ee ol baasa. Gubbaa ga'ee koochoo isaa jalaa fuudha. Muuxannoo waan hin qabneef dhiphina guddaan achi irraa kufu. Yoo isaan lafa ga'uu ga'an koochoo isaa jala galchee kufaatii hamaa isaan oolcha. Guyyoota murtaa'an haala kanaan erga barsiisee booda of danda'anii balali'uu danda'u. 🦅 Barumsa: Kun dhimma itti gaafatama ofii ba'achuuti. Addunyaa kana irra hamma jiraattutti itti gaafatamoota gurguddoo qabda. Mataa keef, maatii keef, naannoo keef, biyya keef, dhalootaaf itti gaafatama qabda. Akkuma joobirri akka itti balali'an wucii isaa barsiisu, atis jireenya kee keessatti wantota gochuu qabdu raawwadhu. Ga'ee ba'achuu qabdu ba'adhu. Namoota gargaaruu qabdu gargaari; dhaloota barsiisuu gabdu barsisi; gatii baasuu qabdu baasi. Walumaa galatti, itti gaafatama kee ba'adhu. 6. Joobirri of haaromsa.🦅 Otoo dubbannuu, joobirri haga waggoota 70 jiraachuu danda'a. Walakkeessa umurii isaa, naannoo waggoota 35 fi 40 gidduutti rakkoo dullumaatu isa mudata. Uuruun isaa jabaataan sun maramee dacha'uudhaan nyaata isaa haalaan nyaachuu dadhaba. Qeensi isaa gar malee itti guddachuun akka inni barbaadetti wantota qabuu dadhaba. Koochoon isan dhagna isaa irra jiru gar malee dulloomuudhaan baatee qilleensa irra balali'uu dadhaba. Walumaa galatti ni dullooma. Yeroo kana yokaan dulluma isaa fudhatee du'a, yokaan
248 ·
D
DALO_TECH
💥Foormulaa of jaallachuu❤️ 📍Dogongora ofiif dhiifama godhi 📍Abjuu kee yaadadhu 📍Fedhii keessan dhaggeeffadhaa 📍Waadaa ofitti galte eegi 📍Of dinqisiifachuu baradhu 📍Hin dhaabatin 📍Fedhii keessoo keetii amanadhu 📍Dangaa dhuunfaa cimsuu 📍Yeroo hunda itti gammadaa sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ ╔══════════════════╗ ☀️JOIN: @Dalo_tech   ☀️JOIN: @Dalo_tech ☀️JOIN: @Dalo_tech ╚══════════════════╝
232 ·
D
DALO_TECH
‎💥 Gorsa Gabaabaa kana Dubbisaa 👇....✍ ‎🫵𝙔𝙤𝙤 𝙣𝙖𝙢𝙖 𝙩𝙖𝙖𝙩𝙚 𝙬𝙖𝙣𝙩𝙤𝙤𝙩𝙖 𝙖𝙧𝙢𝙖𝙖𝙣 𝙜𝙖𝙙𝙞𝙞 𝙝𝙞𝙣 𝙩𝙪𝙦𝙞𝙣!! ‎1.Mirga namaa hin tuqin! ‎2. Amantaa namaa hin tuqin! ‎3. Eenyummaa namaa hin tuqin! ‎4. Afaan, aadaafi seenaa namaa (sabaa) hin tuqin! ‎5. Maqaa namaa hin tuqin! ‎6. Qabeenya namaa hin tuqin! ‎7. Haamilee namaa hin tuqin! ‎🫵𝙊𝙛 𝙚𝙚𝙜𝙜𝙖𝙙𝙝𝙪 𝙔𝙤𝙤 𝙣𝙖𝙢𝙖 𝙩𝙖𝙖𝙩𝙚!! ‎1. Arraba kee eeggadhu! ‎2.Fayyaa kee eeggadhu! ‎3. Kabaja kee eeggadhu! ‎4. Haqa haadhaa fi abbaa keetii eeggadhu! ‎5. Haqa ollaa keetii eeggadhu! ‎6. Haqa namaa irraa of eeggadhu! ‎🫵𝙅𝙖𝙗𝙚𝙚𝙛𝙛𝙖𝙙𝙝𝙪 𝙔𝙤𝙤 𝙣𝙖𝙢𝙖 𝙩𝙖𝙖𝙩𝙚!! ‎1. Beekkumsa kee jabeeffadhu! ‎2. Afaan, aadaa fi seenaa kee jabeeffadhu! ‎3. Amantaa kee jabeeffadhu! (Kan barbaadde hordofuun mirga keeti!) ‎4. Tokkummaa ilma namaa jabeeffadhu! ‎5. Ilaalcha walqixxummaa ilma namaatiif qabdu jabeeffadhu! ‎6. Hariiroo obbolummaa ilma namaa wajjiin qabdu jabeeffadhu! ‎🫵𝙄𝙧𝙧𝙖𝙖 𝙛𝙖𝙜𝙖𝙖𝙙𝙝𝙪 𝙔𝙤𝙤 𝙣𝙖𝙢𝙖 𝙙𝙝𝙪𝙜𝙖𝙖 𝙩𝙖𝙖𝙩𝙚!! ‎1. Malaammaltummaa irraa fagaadhu! ‎2. Sobaan ragaa ba'uu irraa fagaadhu! ‎3. Hiriyaa sobaa irraa fagaadhu! ‎4. Daandii shiraa irraa fagaadhu! ‎5. Gandummaa irraa fagaadhu!   sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ ╔══════════════════╗ ☀️JOIN: @Dalo_tech   ☀️JOIN: @Dalo_tech ☀️JOIN: @Dalo_tech ╚══════════════════╝
265 ·
D
DALO_TECH
Jireenyi Maali? ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ Waa'ee jireenyaa jiraachuu dhiifnee osoo  gaafatamnee, kan ibsuu dandeenyu xiqqaadha jedheen yaada.  • Namoonni falaasamaa jireenya erga jiraatanii arganii booda akkanatti hiikaniiru ❓Jireenyi maali? 👉 Dostoyevsky: Si'ooldha. 👉 Soqiraaxis: Weeraradha. 👉Aristootil:  Sammuudha. 👉 Niitsche: Ciminadha. 👉Firoyd: Du’a dha. 👉 Maarkis: Yaadadha. 👉 Pikaasoo: Aartiidha. 👉 Gaandii: Jaalaladha. 👉 Shoopenhawer: Gidiraadha. 👉 Raasil: Dorgommiidha. 👉 Steve Jobs: Amantiidha. 👉 Einstein: Beekumsadha. 👉 Isteefan Hoopkiins: Abdii. 👉 Kaafkaa: Xumuradha. 🫵 Isiniifo maalidha? sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ ╔══════════════════╗ ☀️JOIN: @Dalo_tech   ☀️JOIN: @Dalo_tech ☀️JOIN: @Dalo_tech ╚══════════════════╝
214 ·
D
DALO_TECH
𝗞𝗮𝗿𝗮𝗮 𝗚𝗮𝗯𝗮𝗮𝗯𝗮𝗮𝗻 𝗛𝗶𝗻𝗷𝗶𝗿𝘂! Jireenya injiffachuun hawwii dhala namaati. Osoo mijatee akka garaa namaaf ta'ee kan jibu hinjiru. Jireenya hawwu jiraachuuf namnuu ni yaada. Utuu hawwii qofaan argama ta'ee! Mul'anni karaa gabaabaan dhugoomu hinjiru. Yoo jiraates mul'ata gabaabaa ta'uu isaati. Kaayyoo guddaa milkeessuuf, gatii guddaa baasuun dirqama. Galmi guddaan bu'aa dadhabbii guddaa booda argamuudha. Ganama kaate galgala keessa hinseentu! Rakkoo waloon qabnu tokko karaa gabaabaa filachuudha. Daandii qajeelaa irraa gorree qaxxaamura deemna. Aarsaa baasuu caalaa, dhamaatii malee guddachuutu hawwama. Namoonni jireenya salphaatti argamu barbaadu. Jireenyi garuu nama salphaa hinbarbaaddu! Waa'ee Mandeellaa atuu na caalaa beekta. Waggaa 27 guutuu abjuu isaa dhugoomsuuf ifaaje. Waanjoo garbummaa cabsuuf umurii isaa hamma kanaa mana adabaatti dabarse. Isa qofa miti! A. Liinkoon, Biilgeeti, M.Gaandii, Joorji Waashingiton, T. A. Ediseen, A, Inistayiin, M. Faraadayii, H. Kileer....hunduu karaa fagoo deemuun bakka yaadan gahan. Kan kophaa of keessatti argan baasanii addunyaatti argisiisuun salphaa isaaniif hinturre. Wanti guddaan kamuu bu'aa dadhabbii guddaati! Har'a malaamaltummaan/mattahaan ulaagaa dorgommii waliin beeksisa irratti bahuu malee maaltu hafe. Ilmi harka qalleessaa baratee oggummaa isaan hojjechuu dadhabeera. Gahumsa caalaa waraqataaf bakki kennama. Kan fira hinqabne, warri harkaan deemuuf humna dhaban, baratanii maratanii taa'u. Kun bu'aa karaa gabaabaa barbaaduuti. Badhaadhummaa karaa qaxxaamuraa argachuuf, namoonni garaa malee mataa hinqabne sun carraa ilma hiyyeessaa gubanii qaammatu. Kan isa tokkoof baacoofi irraa hafaa isa kaaniif immoo jireenyaafi dhimma lubbuuti. Jireenya dhalootaan hintaphatiin. Dhimma jiraachuu tapha dirree kubbaa miilaa keessaa miti. Waa’ee maatii, uffachuu fi nyaatanii buluti. Nama meeqatu akka hojii hojjetaa oolu, garuu garaa duwwaa ooluufi rafu yaadikaa! Sittan hima! Nama yaaddu ta'uuf karaa gabaabaa hinbarbaadin. Biyyis karaa gabaa
242 ·
D
DALO_TECH
👉Eenyummaa kee har'aa kana duuba , Maatii waan hunda siif wareegamantu jira. sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ ╔══════════════════╗ ☀️JOIN: @Dalo_tech   ☀️JOIN: @Dalo_tech ☀️JOIN: @Dalo_tech ╚══════════════════╝
141 ·
D
DALO_TECH
🌱 Muktii yeroo kufu malee, yeroo guddattu sagalee hin qabu; kanaafuu guddina kee callisaan taasisii! Jireenyi keessatti namoonni hedduun yeroo ati kufte, yeroo rakkoo keessa jirtu, yeroo dadhabde fi yeroo milkaa'ina irraa fagaatte si ilaalu. Dogoggora kee irratti dubbatu, kufaatii kee irratti yaada kennu, yeroo dhiphatte immoo sagaleen isaanii ni baay'ata. Garuu yeroo ati of irratti hojjechaa jirtu, yeroo beekumsa kee dabalaa jirtu, yeroo amala kee fooyyessaa jirtu fi yeroo gara kaayyoo keetti tarkaanfachaa jirtu, guddinni sun yeroo baay'ee callisaan adeema. Muktiin yeroo kufu sagalee guddaa qaba. Namoonni ni argu, ni dubbatu, ni qeequ. Garuu guddinni dhugaan sagalee hin qabu. Akkuma sanyiin lafa keessatti callisee biqilu, akkuma mukni guddaan guyyaa tokko keessatti osoo hin taane suuta suuta guddatu, atiis guddina kee callisaan ijaaruu qabda. Namoonni hundi karoora kee beekuun isaanii barbaachisaa miti. Kaayyoo kee hunda labsuun dirqama miti. Yeroo tokko tokko hojii kee haa dubbatu malee afaan kee hin dubbatin. Bu'aan hojii kee yeroo mul'atu namoonni jechuun isaanii hin oolu. Hanga yeroo sanaatti garuu yeroo kee qisaasessuu irra hojii irratti xiyyeeffadhu. 🌿 Callisaan baradhu. 🌿 Callisaan hojjedhu. 🌿 Callisaan of jijjiiri. 🌿 Callisaan guddadhu. 🌿 Bu'aan kee garuu akka jechuun hin danda'amne haa dubbatu. Yeroo ati guddachaa jirtu namni hundi si hubachuu dhiisuu danda'a. Namni tokko tokko immoo jijjiirama kee hin jaallatu ta'a. Garuu yaada isaanii irratti yeroo kee hin gubin. Guddinni kee eeyyama isaanii hin barbaadu. Murtoon kee, hojii kee fi obsaan kee qofa si geessu. 🌟 Yaadadhu: "Mukti yeroo kufu sagalee guddaa qaba; yeroo guddatu garuu callisee guddata. Atiis akkuma mukaa sanaa, sagalee baay'ee uumuu irra guddina kee callisaan ijaari. Guyyaan bu'aan kee mul'atu ni dhufa; yeroo sana hojii kee jechuun isaa ni danda'ama malee ati of jajuu hin barbaachisu." sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ ╔══════════════════╗ ☀️JOIN: @Dalo_tech   ☀️JOIN: @Dalo
2 · 144 ·
D
DALO_TECH
✅Namoonni waan eegalan tokko maaliif itti fufuu dadhabu? (Ana dabalatee) ◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇ #Namoonni waan tokko eegalanii itti fufuu (consistency) kan dadhabaniif sababoota adda addaa qabu. Kun baay’ee baramaadha. Garuu, sababoota ijoo hubachuun furmaataaf karaa bana. Itti fufiinsaan waan tokko hojjachuu dhabuun namootaa sababoota gurguddoo armaan gadii kanaan ibsuun ni danda'ama: 1. #Bu’aa Ariifachiisaa Barbaaduu (Instant Gratification) Baay’ee keenya bu’aa hojii keenyaa hatattamaan arguu barbaanna. Yoo hojiin keenya yeruma sana jijjiirama fiduu baate, abdii kutanna. Haata’u malee, milkaa'inni hojii guyyaa guyyaan hojjetamuun (Atomic Habits keessatti akka ibsamutti) suuta suutaan kan dhufuudha. 2. #Kaayyoo Gurguddaa Qofa Irratti Xiyyeeffachuu Namoonni yeroo baay’ee fiixee iddoo gahuu barbaadanii (target) qofa ilaalu. Fakkeenyaaf, "Kitaaba fuula 500 qabu nan barreessa" jedhanii yaaduu danda'u. Kun immoo sammuu keenyatti ba'aa ulfaataa ta'ee mul'ata. Kanaa mannaa guyyaatti fuula tokko barreessuu irratti xiyyeeffachuu dhabuun itti fufiinsa nu dhabsiisa. 3. #Haala Miiraa (Emotion) Irratti Hundaa’uu "Har’a fedhii hin qabu," yookaan "Har’a natti hin tolle" jedhanii hojii dhiisuun miidhaa guddaa qaba. Namoonni milkaa’an fedhii miiraa osoo hin taane, sirna (discipline) ittiin hojjetan waan qabaniif itti fufu. 4. #Akkaataa Itti Hojjetan (Systems) Dhabuu Kaayyoo qabaachuun qofti ga’aa miti. Fakkeenyaaf: * Kaayyoo: Fayyaa koo eeggachuu barbaada. * Sirna (System): Guyyaa guyyaan sa'aatii 12:00 irratti daqiiqaa 20 nan fiiga.    Yoo sirna hojii hin qabaanne, itti fufiinsaan hojjechuun ni ulfaata. 5. #Mudaa-maleessa ta'uu barbaadu (Perfectionism) "Hojiin koo guutuu ta'uu qaba" jedhanii yaaduun jalqabuufis ta'e itti fufuuf gufuu ta'a. Mudaan tokko yoo uumame, "Hojiin koo badeera" jedhanii achumatti gatanii baqatu. Furmaata Gabaabaa: * Tarkaanfii xixinnoo eegaluu: Hojii salphaa daqiiqaa 2-5 fudhatuun jalqabi. * Akkaataa (Environment) kee sirreessuu: Waan hojjechuu barba
143 ·
D
DALO_TECH
Ka'i malee🎁✈️🚘 ka'i Ganama ganama 𝖥𝗂𝗅𝖺𝗇𝗇𝗈𝗈 𝗅𝖺𝗆𝖺 𝗊𝖺𝖻𝖽𝖺: 𝖼𝗂𝗂𝖿𝗍𝖾𝖾 𝖺𝖻𝗃𝗈𝗈𝖼𝗁𝗎𝗎 𝗄𝖾𝖾 𝗂𝗍𝗍𝗂 𝖿𝗎𝖿𝗎𝗎 𝗒𝗈𝗈𝗄𝗂𝗇 𝗄𝖺𝖺𝗍𝖾𝖾 𝖺𝖻𝗃𝗎𝗎 𝗄𝖾𝖾 𝖽𝗁𝗎𝗀𝗈𝗈𝗆𝗌𝗎𝗎! 𝖬𝖺𝗍𝖺𝖺 𝗄𝖾𝖾 𝗃𝗂𝗃𝗃𝗂𝗂𝗋𝗎𝗎 𝖻𝖺𝗋𝖻𝖺𝖺𝖽𝖽𝖺 𝗒𝗈𝗈 𝗍𝖺'𝖾 𝖽𝗁𝗂𝖻𝖺𝖺'𝗎𝗆𝗆𝖺𝖺 𝗊𝗈𝗍𝗍𝖾𝖾 𝖺𝗐𝗐𝖺𝖺𝗅𝗎𝗎 𝗊𝖺𝖻𝖽𝖺. 𝖭𝖺𝗆𝖺 𝗀𝖺𝗍𝗂𝗂 𝗊𝖺𝖻𝗎 𝗍𝖺'𝗎𝗎𝖿 𝗀𝖺𝗍𝗂𝗂 𝖻𝖺𝖺𝗌𝗎𝗎𝗇 𝖽𝗂𝗋𝗊𝖺𝗆𝖺! 𝖴𝗍𝗎𝗎 𝖽𝖺𝖽𝗁𝖺𝖻𝖽𝗎𝗎 𝖼𝗂𝖼𝗁𝗂𝗍𝖾𝖾 𝗁𝗈𝗃𝗃𝖾𝖾𝖼𝗁𝗎𝗎 𝗊𝖺𝖻𝖽𝖺. 𝖮𝗌𝗈𝗈 𝖻𝖾𝖾𝗅𝗈𝖿𝗍𝗎𝗎 𝖻𝖾𝖾𝗅𝖺 𝗂𝗋𝗋𝖺𝗍𝗍𝗂 𝗊𝖺𝖻𝗌𝖺𝖺’𝗎𝗎𝗇 𝖽𝗂𝗋𝗊𝖺𝗆𝖺. 𝖧𝖺𝖺𝗅𝖺 𝗃𝗂𝗋𝗍𝗎 𝗄𝖾𝖾𝗌𝗌𝖺𝖺 𝖻𝖺𝗁𝗎𝗎𝖿 𝖿𝗎𝗎𝗅𝖽𝗎𝗋𝖺𝗍𝗍𝗂 𝗈𝖿 𝖽𝗁𝗂𝖻𝗎𝗎 𝗒𝗄𝗇 jalaa 𝖻𝖺𝗊𝖺𝖼𝗁𝗎𝗎 𝗊𝖺𝖻𝖽𝖺. 𝖩𝗂𝗋𝖾𝖾𝗇𝗒a 𝗌𝗂𝗍𝗍𝗂 𝗁𝗂𝗇𝗍𝗈𝗅𝗅𝖾 𝗁𝗈’𝗂𝖿𝖺𝗍𝗍𝖾𝖾 𝖿𝗂𝗋𝖺𝗄𝖾𝖾 𝗁𝗂𝗇𝗀𝗈𝖽𝗁𝖺𝗍𝗂𝗂𝗇. "Every morning you have two choices: continue to sleep with your dreams, or wake up and chase them." — Michelle Obama sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ ╔══════════════════╗ ☀️JOIN: @Dalo_tech   ☀️JOIN: @Dalo_tech ☀️JOIN: @Dalo_tech ╚══════════════════╝
137 ·
D
DALO_TECH
👉Mimeentoo Moorii (Memonto Mori) Mimeentoo Mooriin gaalee afaan Laatiniirraa dhufe yoo ta'u, hiikaan isaa "Akka duutu yaadadhu" jechuudha. Jechi kun falaasama Istooyisizimii keessatti shoora guddaa yoo qabaatu, jechoota istookiyoonni baayyinaan fayyadaman keessaa isa angafaati. Dachee akka duunu nu dagachiisuu barbaaddu kana keessatti jechi kun baayyee nu barbaachisa. Sodaa du'aa mo'achuunimmoo dirqama nama dhugaa uumaatiin jiraachuu barbaaduuti. Yeroo akka duutu yaadattu nama hunda gammachiisuuf hin dhamaatu.Yeroo akka duutu yaadattu qabeenya baayyee irraa hafaa qabaachuuf hin ifaajju. Yeroo akka duutu yaadattu, rakkinni ati keessa jirtu xiqqaatee sitti mul'ata.Namni Mimeentoo Mooriim jiraatu, nama nagaa fi gammachuu lubbuu isaatiif dursa laatu ta'a!         sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ ╔══════════════════╗ ☀️JOIN: @Dalo_tech   ☀️JOIN: @Dalo_tech ☀️JOIN: @Dalo_tech ╚══════════════════╝
170 ·
D
DALO_TECH
👉Yeroo tokko tokko waan barbaaddu hin argattu; waan caalutu siif mala waan ta’eef.💥 sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ ╔══════════════════╗ ☀️JOIN: @Dalo_tech   ☀️JOIN: @Dalo_tech ☀️JOIN: @Dalo_tech ╚══════════════════╝
140 ·
D
DALO_TECH
🛑 Jireenya Kee Jijjiiruu Barbaaddaa? Jalqaba Eenyummaa Kee Jijjiiri! 🧠✨ .......................................................................... Namoonni baay'een milkaa'ina, jireenya gaarii fi fuuldura ifaa hawwu. Garuu yaadni isaanii kan kaleessaa, amalli isaanii kan durii, murtoon isaanii illee kanuma durii ta'ee hafa. Kanaaf bu'aan isaanii jijjiiramuu hin danda'u. Dhugaan guddaan tokko ni jira: 👉 Eenyummaan kee yoo hin jijjiiramne, jireenyi kees hin jijjiiramu. Jireenyi kee yaada kee irraa jalqaba. Yaadni kee murtoo kee uuma, murtoon kee amala kee uuma, amalli kee immoo egeree kee ijaara. 🌱 Tarkaanfiiwwan Sadii Jireenya Jijjiiran ✅ 1. Yaada Moofaa Kee Beeki Komii, sodaa, of gadi xiqqeessuu, namoota irratti murteessuu fi sababa baay'isuu dhiisi. Yeroo yaadonni akkanaa dhufan dammaqinaan hubadhu; isaan akka si hin to'anne godhi. ✅ 2. Sammuu Kee Yaada Haaraan Guuti Guyyaa guyyaan of gaafadhu: ✔️ Har'a nama akkamii ta'uun barbaada? ✔️ Milkaa'inaaf maal hojjechuu qaba? ✔️ Jaalalaa, obsaa fi amantii akkamiin jiraachuu danda'a? Gaaffileen kun sammuu kee gara kallattii sirriitti qajeelchu. ✅ 3. Irra Deddeebiin Shaakali Yaada gaarii, dubbii gaarii fi hojii gaarii yeroo hunda shaakaluu irraa hin dhaabin. Irra deddeebiin amala haaraa uuma; amalli haaraan immoo eenyummaa haaraa ijaara. 🌟 Ergaa Guyyaa Har'a yaada kee jijjiiri; bor jireenya kee ni jijjiirta. "Ani hin danda'u" jechuun hin jiraatin. Bakka isaa: "Ani ni danda'a, nan guddadha, nan milkaa'a" jedhi. Yeroo sammuu kee jijjiirtu, ilaalchi kee ni jijjiirama. Ilaalchi kee yeroo jijjiiramu, murtoon kee ni fooyya'a. Murtoon kee yeroo fooyya'u, jireenyi kee gara milkaa'inaatti ni ce'a. 💬 Ati har'a amala yaadaa moofaa kam jijjiiruu barbaadda? Yaada kee keessatti nuuf qoodi. 🔄 Ergaa kana nama kaka'umsa barbaaduf share godhi. ✨ Har'aan murteessi; boriin bu'aa isaa ni argita. Eenyummaa kee jijjiiri, jireenya kee ijaari! 🚀🌿 GALATOOMA🙏 sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ ╔══════════════════╗ ☀️JOIN: @Dalo_tech   ☀️J
1 · 149 ·
D
DALO_TECH
𝗔𝗱𝗱𝘂𝗻𝘆𝗮𝗮 𝗤𝘂𝗹𝗹𝗮𝗮 𝗕𝘂𝘂𝘀𝘁𝗲 🔥 Dubartii uffata malee karaa cinaa dhaabbattee taaksii eeggattu tokkotu turte. Yeroo muraasa booda dargaggeessi taaksii oofu tokko ishee bira dhaabbate. Daawwitii foddaa gadi buusee, miillaa hanga mataatti yeroo dheeraaf sirriitti ishee ilaale. Qabduu harmaa fi paantii xiqqoo tokko uffattee dhaabbatti. Baay’ee rifatus haalaan ishee ilaale. Dubartiin sun immoo, "Bareedina koo dinqisiifachaa jira!" jettee ofitti himte. Fuula ishee irrattis kolfi ajaa’ibaa tokko mul'ate. Itti siqattees iddoo deemtu itti himte. Dargaggeessichi ammas yeroo muraasaaf sirriitti ilaalee, "Seeni!” jedheen. Isheenis, "Amma waan na gammachiisu tokko dubbata!" jechuun isa eegaa turte. Garuu inni callisee konkolaachisuu isaa qofa itti fufe. Dhumarratti isheen ofii haasaa jalqabde. "Maaliif akkas na ilaaltee dura? Nama sodaachista!" jetteen. Innis tasgabbiidhaan deebisee "Waanan barbaadu argadhaa laata jedheen si ilaalaa tureem anoo!" jedhaan.  Dubartiin sunis yaada biraatti ceete. “Argatteeree? Dhiironni hedduun waan keessa isaanii baasanii ibsachuu hin danda’an. Sittan bareede mitii? Yoo barbaadde wal baruunis ni danda'ama..." jettiin. Utuu isheen akkas jettee yaada ishee dhangalaastuu, bakka dhaquuf ka’an sana ga'an. Dargaggeessichi gara isheetti garagalee, "Obboleettii koo, ani qullaa ta'uu kee ilaalee hin dinqisiifanne. Dhimma koos hin turre. Wanti na harkise waan tokko qofaa dha. Kaffaltii naaf kaffaltu qabaachuu kee mirkaneeffachuufan si ilaalaa ture. Qarshiis harka kee keessattan arge. Xiyyeeffannaan koo achuma ture. Amma kaffaltii kee kaffaltee bu’uu dandeessa." jedheen. Dubartiin sunis qaanoftee, aariidhaan qarshii isaa itti darbattee buute jedhama.👇 Addunyaan har'aa wantoota nama hawwatan, wantoota nama dogoggorsan, akkasumas wantoota xiyyeeffannaa namaa saamaniin guutamteetti. Guyyaa guyyaan wanti ija keenya fuudhatee sokku, wanti yaada keenya bittinneessu, fi wanti kaayyoo keenya irraa nu maqsu baay'achaa jira. Garuu namni bilchaataan waan hundumaa hin ilaa
131 ·
D
DALO_TECH
❤👇Mammaaksota Afaan Oromoo Hiika Isaanii Wajjin! 1. Aak jedhan waa tufa; mammaakan waa himan. ✍️ Oromoon mammaaku araarsee, geeraru caccabsee gala. 2. Abbaatu of mara jedhe bofti. Boroo abbaatu hordata; roorroo abbaatu dhowwata. Yoo abbaan iyyate ollaan birmata. 3. Abbaan damma nyaateef ilmi afaan hin mi’aawu. Leenci kodholleee dhala. Ibiddi daaraa dhala. 4. Erga waraabessi darbee sareen dutti. Ganna darbeef mana hin ijaaran. Kan darbe hin darbatan. Bishaan darbe hin waraaban Harree ganama bade galagala kurkuriin hin argu 5. Gadhee soqolatte soqolaa gargaaru. Kan abbaan quba of kaa’e ormi dhumdhuma kaa’a Kan namni namaan jedhurra kan abbaan ofiin jedhutu caala. Sa’a abbaan gaafa cabse ormi ija jaamsa. Akka abbaan nama waametti owwaatu. Hidda abbaan fideen mana ijaaru Yoo waamichi tole, owwaannaan tola. 6. Haadha ilaalii intala fuudhi. Sanyiin ibiddaa daaraatu nama guba. Sanyiin gootaa gootuma. 7. Adala riphe adurree se’u. Ibidda rafe huubni to’achuu kajeela. Leenci rafe waan du’e fakkaata. 8. Albeen lafeef qaran tiruurratti cite. Sareen qeerransaaf guddisan illeessa baqatte. 9. Maqaa gaariin urgooftuu gaarii caala. Maqaan baduu mannaa mataan baduu wayya. Du’a hin hafan maqaa hin awwaalan. Good name is greater than good perfume. 10. Furdaan keessi bukoodha. Duubaan hamma arbaa keessaan hamma garbaa Gatooma🙏🙏    sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ ╔══════════════════╗ ☀️JOIN: @Dalo_tech   ☀️JOIN: @Dalo_tech ☀️JOIN: @Dalo_tech ╚══════════════════╝
108 ·
D
DALO_TECH
👉DUBBISA FI DUBBISAA! (READING AND READER) ✪ Dubbisuun fakkaattii kaleessaa, argama har'aa fi maalummaa boriitti bocaa fi bifa godha. Waan kaleessaa irraa muuxannoo nama dhaalchisa, har'a immoo jireenya hiikkaa qabu namaaf kennuun boruufis abdii nama keessa bulcha. ✪ Eeyyeen, jireenya ilma namaa keessatti halluu halaalatti mul'atuun sarara adda bahinsaa kaa'ee garaagarummaa fida. Akkuma bishaan uffata miicee qulleessuu, keshaa irraas cilee fi dhukkee baasee adii godhu, dubbisuunis sammuu dubbisaa haaressee booka beekumsaan guuta. ⩩ Sammuun barachuu fi dubbisuutti amanu dhalootaaf dhangaa, rakkoof furmaataa fi haalotaaf immoo deebii galumsaa qabaachuun bu'aa buusa malee, ba'aa ofii fi nama biraa ta'ee hin argamu. Bu'aa malee ba'aa miti! ⩩ Dubbisni arraba gabaabsa, afaan dhiphisa, sammuu immoo daran bal'isa. Eeyyeen wallaalaa beekaa godha, beekaa immoo ittuma qara. ⩩ Keessaa namaa haaressuun alaa jijjiira. ⩩ Quba namatti qabbii hir'isuun, of beekuu fi sakatta'insa keessaa namatti dhiyeessa. ⩩ Of nama barsiisa! Kan of bare immoo, ofiifis ta'e hawaasa keessa jiraatuuf jal'isii ta'ee kan goge jiisaa, kan jiidhee immoo lalisiisa malee, lolaa ta'ee kan jiru balleesssuun abdii namaa hin gololeessu. Jal'isii yookaan lolaa ta'uu filachuun egaa filannoo abbaati! Filadhuu darbimee! Namni dubbisus isa hin dubbifne irraa adda. ⩩ Dubbisaan dubbii tola; hammi dubbatus faara tolaan namaa liqimfama. Dubbiin isaas akka damma  daamuuti; dhaggeeffataan 'dhaggeeffadhuu' malee dhageeffata. ⩩ Dubbisaan waan dubbatu beeka, waan beeku dubbachuufis sodaan  hin mo'atamu. Hayyee, dubbisuun dubbisaa ta'i! Dubbisa keessaanis lafa yadde ni geessa. Ragaan dubbii kanaa jijjiirama dubbisuun boodaa haa ta'u! sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ ╔══════════════════╗ ☀️JOIN: @Dalo_tech   ☀️JOIN: @Dalo_tech ☀️JOIN: @Dalo_tech ╚══════════════════╝
52 ·
D
DALO_TECH
Video
238 KB · click to show
Bara Namni Bahee Karaarratti Hafee Bara Gooliin Cimee Namni Bakkee Rafee ~ Bara Haadhoon Haadhoof Billaa Qaree Baatuu. Bara Abbaan Baasee Ilma Diinaaf Laatuu ~ Bara Firaaf Firri Wal Irratti Ka'ee. Bara Harki Mirgaa Harka Bitaa Dha'ee ~ Haalli Sitti Cimus Waan Hunda Dandeessee bagaa bara 2019 Nagan Gesee.Ayyaannii kun kan nagaa kan gammachu kan jalallaa kan tokkummaa kan qufaa kan gabbiina sinif haa ta'u .Ayyaanna Garii lafa nagaa olaa.
1 · 58 ·
D
DALO_TECH
🌱 Dargaggummaa Kee Sirriitti Fayyadami Dargaggeessi tokko bakka olmaa isaa beekuuf fi kaayyoo jireenyaa isaa irratti xiyyeeffachuuf yeroo dargaggummaa isaa irraa jalqabuu qaba. Dargaggummaan yeroo humni, yaadni, carraan fi abdiin itti baay’atuudha. Yeroo kana waan gaarii hojjette, bu’aan isaa boru siif milkaa’ina ta’a; waan yeroo dargaggummaa kee keessatti dagatte ykn balleessite immoo, gaabbiin isaa yeroo booda si mudachuu danda’a. Kanaaf, har’a yeroo dargaggummaa kee barnootaaf, hojii gaariif, of ijaaruuf, ogummaa horachuuf fi kaayyoo kee galmaan ga’uuf itti fayyadami. Sababni isaas, dargaggummaan yeroo dhaabbata miti; ni darba. Wanti ati har’a hojjettu immoo, seenaa jireenyaa kee keessatti bu’uura boruu ta’a. 👉 Dargaggummaa kee keessatti waan gaarii hojjedhu; akka yeroo dulloomaa kee keessatti gaabbii osoo hin taane, boonaa fi gammachuu ta’uuf. “Yeroo dargaggummaa kee keessatti of ijaari; yeroo boqonnaa kee keessatti hojii kee irraa gammadi.” 🌿✨       sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ ╔══════════════════╗ ☀️JOIN: @Dalo_tech   ☀️JOIN: @Dalo_tech ☀️JOIN: @Dalo_tech ╚══════════════════╝
40 ·
D
ReplyPhoto
#DIRQAMA_MITI🪴 Kaayyoo qabaachuun daandii irra deemtu ilaaluu qofa miti; gufuuwwan daandii kee irratti si mudatan keessa darbuufis murannoo qabaachuu dha. Yeroo kaayyoo kee hordofaa jirtutti tokko sitti qoosa, tokko si morma, gariin shakkii keessa si galcha; yeroo tokko-tokko immoo ati mataan kee “dhuguma nan danda’aa?” jettee of gaafachuu irra geessa. Garuu ishee kana yaadaan qabi! Daandiin kaayyoo yeroo hundumaa namoota si jajjabeessan qofaan kan guutamte miti; yeroo baay’ee namoota gufuu sitti ta’anis of keessaa qabdi. Yeroo akkasiitti, sagalee si gufachiisu caalaa sagalee kaayyoo kee deeggaru dhaggeeffattu malee, namni namaaf akka rakkootti rakkoodha. Kaayyoon kee, bakka ati har’a jirtu caalaa bakka ati bor ga’uu qabdu sitti agarsiisa. Yeroo sodaan si qabatu—tarkaanfi tokko fudhadhu; yeroo dogoggortu—baradhu; yeroo namni si tuffatu—deebii kee hojiidhaan kenni; yeroo abdii kutattu—maaliif akka jalqabde yaadadhu. Namni kaayyoo qabu gufuu hin dhabu; garuu gufuun isa dhaabuu akka hin dandeenye murteeffataa deema. Daandii kee irratti namni hundi si wajjin deemuun dirqama miti. Imala kee xumuruufis namoota hunda irraa eeyyama nan argadhaan abjuudha! Kaayyoo kee harkatti qabadhu, qalbii kee jabeessii, tarkaanfii kee ittuma fufi. Guyyaan itti wantoonni har’a si sodaachisan hundi duubatti hafanii, atis garagaltee ilaalltee—“Dhugumayyuu nan danda’a jechuudhaam!” itti jettu ni dhufa! Kaayyoo keef kufii ka’i!  Deemi malee hin Dhaabbatni. Via Oluma💪❤🥰   sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ ╔══════════════════╗ ☀️JOIN: @Dalo_tech   ☀️JOIN: @Dalo_tech ☀️JOIN: @Dalo_tech ╚══════════════════╝
36 ·

An open public feed from the search index ChatCrawler — “Google for public Telegram”; refreshed as the venue is crawled. Times are UTC.

Public content only, official Telegram API. About · FAQ · What we do not do · Remove a page · Catalog · Search · How we count