QUBEE TUTORIAL 🎓
ReplyPhoto😔 DANDEETTII QISAASAA’E 😠
🧠 Yeroo ammaa kana mucaa dandeettii addaa qabu, sammuu addaa qabutu iddoo tokko jira.
Dandeettii isaa kana namni hunduu ni beeka, namni hunduu ni arga.
⚠️ Garuuu olmaa isaa ilaali. Waan tokkos hin dalagu, guyyaa guutuu TikTok ilaalaatiin oola, yeroo isaa guutuu hiriyyoota isaa waliin taphaan dabarsaatiin oola, dandeettii barnootaa ni qaba garuu qayyabachuu hin fedhu, qayyabachuu irra yeroo isaa taphaan dabarsutu isa gammachiisa.
💭 Wanti akkana ta’eef, waan kana jaalateetii miti, waan kanniin dalaguun salphaa waan ta’eefi. Wanti salphaan immoo sammuu keetiif boqonnaa fakkaata garuu, dadhabaa si taasisa.
💔 Maarreen dandeettii fi kennaan nama tokkoo akkanatti du’a.
⏳ Suuta suutan osoo ati hin yaadatiin, dandeettiin ati amma qabdu kun bade erga jedheen booda guyyaa tokko ni dammaqxa, guyyaa dammaqxu san immoo dandeettii kee amma qabdu kanatti, akkaataa itti fayyedamtuun ni dagatta.
🔥 Kanaafuu booddee gaabbuu irra amma yeroo humna jabaa qabdu kanatti fayyadamii, waan sirraa eeggamu raawwadhu.
━━━━━━━━━━━━━━
👀 Naannawa kee ilaali.
👨👩👧 Maatii kee,
🔮 jiruu fuuldura kee dhaabbadhuu ilaali,
🛣️ karaa sirriidhamoo karaa sirrii hin taane irra akka jirtu of gaafadhu.
🎯 Dandeettii Rabbiin siif kenne kana osoo hin qisaasessin itti fayyadami.
🌱 "Waanuma facaasan hammatan" akkuma jedhamu, gaaf tokko yommuu dhugaan kan xaartu ta’e, waan xaarii keetii ni argatta.
📚 Kanaafuu barataa koo, dhadhabee, beela’e osoo hin jedhiin ganamaa fi galgala xiyyeeffannoo kennaatiin baradhaa, qayyabadhaa.
Qubee Tutorial yoomuu isin waliin jira.
Qubee Tutorial
Education Without Limits!!!!!!
#QubeeTutorial
╓⩶⩶⩶⩶⩶⩶⩶⩶⩶⩶╖
⟣ 🎓@QUBEETUTORIAL🎓 ⟢
⟣ 🎓@QUBEETUTORIAL🎓 ⟢
╙⩶⩶⩶⩶⩶⩶⩶⩶⩶⩶╜
4 · 3.5K ·