Web appOpen in Telegram

PostQur'aanaa fi Maqaalee hedduu qabachuu isaa

12 July 2025
M
Link
click to show
Qur'aanaa fi Maqaalee hedduu qabachuu isaa Qur'aana jechuun, gabaabumatti, kitaaba qulqulluu isa xumuraa; kan Rabbiin (SWT) ilmaan namaa qajeelchuuf, Ergamaa isaa Nabi Muhammad (SAW) irratti buuseedha. Maqaalee beekamoon Qur'aana keessatti ifatti dubbataman ragaa wajjin beekuun barbaachisaadha. Maqaaleen Qur'aanaa, Qur'aana keessatti ibsaman hedduudha. keessaa muraasa isaani ragaa wajjiin haa ilaalluu: Maqaalee Beekamoo kan Qur'aanaa Ragaa Isaanii Wajjin: 1. Al-Qur’aan (الْقُرْآنُ) Hiikni isaa: "Dubbifamaa" yookiin "Waan irra deddeebi'amee Qara'amu." Kun maqaa isaa isa beekamaa fi hunda caaluudha. Raga kanaatiif Qur'aanni akkana jedha: "Dhugumatti, Qur’aanni kun gara karaa irra qajeelaa ta’eetti nama qajeelcha..." (Suuraa Al-Israa 17:9) 2. Al-Kitaab (الْكِتَابُ) Hiikni isaa: "Kitaabicha." Maqaan kun guutuu, hanqina kan hin qabneefi ragaa kan of keessaa qabu ta'uu isaa agarsiisa. Ragaa kanaatiif Qur'aanni akkana jedha: "Kun Kitaaba isa (dhugaa ta'uun isaa) shakkii hin qabneedha; warra Rabbiin sodaataniif qajeelfama." (Suuraa Al-Baqarah 2:2) 3. Al-Furqaan (الْفُرْقَانُ) Hiikni isaa: "Addaan Baasaa." Kan dhugaa fi soba, halaalaa fi haraama, ifaa fi dukkana addaan baasu jechuudha. Ragaa kanaatiif Qur'aanni akkana jedha: "Inni gabricha Isaa irratti Furqaan (dhugaa fi soba addaan baasu) buuse, oolmaan isaa guddate..." (Suuraa Al-Furqaan 25:1) 4. Azh-Zikr (الذِّكْرُ) Hiikni isaa: "Gorsa" yookiin "Yaadachiisa." Gorsa guddaa kan of keessatti qabateefi namoonni akka Rabbiin yaadataniif sababa kan ta'uudha. Ragaa kanaatiif Qur'aanni akkana jedha: "Dhugumatti, Nuutu Gorsa (Qur’aana) kana buusne, dhugumattis, Nuti isa tiiksoodha." (Suuraa Al-Hijr 15:9) 5. At-Tanziil (التَّنْزِيلُ) Hiikni isaa "Buufama." Kan Rabbii ol aanaa biraa buufame ta'uu isaa kan ibsuudha. Ragaaa kanaatiif Qur'aanni akkana jedha: "Dhugumatti, inni (Qur'aanni) buufama Gooftaa aalamaati." (Suuraa Ash-Shu'araa 26:192) 6. An-Nuur (النُّورُ) Hiikni isaa "Ifa." Kan dukkana wallaalummaa, sh**irkiifi cubbuu keessaa nama baasee gara ifa beekumsaa fi qajeelumaatti qajeelchu. Ragaa kanaatiif Qur'aanni akkana jedha: "Yaa namootaa! Dhugumatti, ragaan Gooftaa keessan irraa isinitti dhufeera. Ifa mul’ataas (Qur'aana) gara keessanitti buufneerra." (Suuraa An-Nisaa 4:174) 7. Ash-Shifaa' (الشِّفَاءُ) Hiikni isaa "Qoricha" yookiin "Fayyisaa." Qoricha shakkii, n*ifaaqaa (mu**naafiqummaa) fi dhibee qalbii (dhukkuba onnee) biroof kan ta'uudha. Ragaa kanaatiif Qur'aanni akkana jedha: "Qur’aana irraas waan mu’uminootaaf qorichaa fi rahmata ta'e ni buufna..." (Suuraa Al-Israa 17:82) 8. Al-Hudaa (الْهُدَى) Hiikni isaa "Qajeelfama." Kan gara haqaatti nama qajeelchu. Ragaa kanaatiif Qur'aanni akkana jedha: "Ji’a Ramadaanaa [isa] isa keessa Qur’aanni qajeelfama namaatiif ta’ee buufameedha..." (Suuraa Al-Baqarah 2:185) 9. Al-Maw'izah (الْمَوْعِظَةُ) Hiikni isaa: "Gorsa." Gorsa iimaana jabeessuu fi jireenya tolchuudha Ragaa kanaatiif Qur'aanni akkana jedha: "Yaa namootaa! Dhugumatti, gorsi Gooftaa keessan irraa isinitti dhufeera; qorichis waan qoma keessa jiruufi, qajeelfamaafi rahmatas mu’uminootaaf (ta'ee dhufe)." (Suuraa Yunus 10:57) 10. Al-Mubaarak (الْمُبَارَكُ) Hiikni isaa "Barakaa Qabeessa." Kan barakaa (eebba) guddaa of keessaa qabu. Ragaa Kanaatiif Qur'aanni akkana jedha: "Kun kitaaba barakaa qabeessa, isa duraa dhugoomsuuf buufneedha..." (Suuraa Al-An'am 6:92) Kana malees maqaan Qur'aanaa kitaaba furmaata namummaa kana keessatti ibsamee jira. Barreeffamni kun namoota hubannoo waa'ee Qur'aanaa hin qabneef barumsa guddaadha. Kan beekanif immoo yaadachiisa ta'a. Walumaagalatti, Qur'aana jechuun: ✅️Dubbii Rabbii isa qulqulluu. ✅️Qajeelfama jireenyaa isa guutuu. ✅️Rahmat Gooftaa biraa dhufe ✅️Shifaa (Qoricha onnee fi qaamaa). ✅️Ifa (kan dukkana wallaalummaa keessaa nama baasu). Inni kitaaba qofa osoo hin taane, dastuura (heera) jireenyaa kan mu'uminni (namni amane) guyyuu ittiin qajeelfamee, gammachuu addunyaa kanaa fi kan Aakhiraa ittiin argatuudha. ✍️http://t.me/httpsMidega
4 · 358 ·

Nearby in the feed

MmidegaRabbiin faarsaa (Zikrii) heddummeessaa, Inni Qalbii teessan tasgabbeessa, Yaaddoo isinirraa fageessaa..Mmidega➡️ Maaliifi Nabii Muhammad ﷺ Jaallanna ? <<<<<<••••••••••••••••••••••••••••••••••••••>>>>>>>> Nabii muhammad ﷺ waan hundarra isan jaalachuun dirqama! Garuu saba
this message
MmidegaGirrisaa qur'aanaf hadiisaa, Faarsee bulaa rabbii rabbi nu haa taasisu 🤲MmidegaWaa 30 Kan Sababa Gammachuu Fii Milkii Namaaf Ta’an •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• 1. Waan Rabbi sii kanne xinxaalii galata galchi... 2. W
MMidega AbdelaMidega Abdela@httpsMidega · channel · Tech
189subscribers375posts in the index
Venue feed Open in Telegram

An open public feed from the search index ChatCrawler — “Google for public Telegram”; refreshed as the venue is crawled. Times are UTC.

Public content only, official Telegram API. About · FAQ · What we do not do · Remove a page · Catalog · Search · How we count